Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Turkiyaan Waraana Mootummaa Suuriyaa rukutuu kan itti fuftu tahuu akeekkachiifte

Advertisements

Duula waraanaa mootummaan Suuriyaa naannawa Idlib keessatti geggeessaa jiru hordofuun, Turkiyaan baatii dabre irraa jalqabee finciltoota deeggaruun loltoota isii gara naannichaa erguun ni yaadatama. Kanuma hordofuun waraanni mootummaa Suuriyaa torbee dabre keessaa haleellaa raawwateen loltoonni Turkiyaa 13 eega ajjeeffamanii booda, tarkaanfii haaloo bahuu waraanni Turkiyaa fudhateen ammoo loltoonni Suuriyaa 100 ol ajjeefamuu gabaafame.

Walitti bu’iinsa biyyoota lamaan jiddutti hammaataa dhufe ilaalichisee Prezdaant Erdogaan Arba’aa har’a paarlaamaa biyyattiitiif ibsa kenneen, “kana booda Suuriyaan waraana Turkiyaa naannawa Idlib keessa jiru irratti yoo kan aggaamtu tahe, Turkiyaan qilleensaa fi lafoo dabalatee humna guutuun mootummaa Suuriyaa irratti tarkaanfii ni fudhatti” jechuun akeekkachiise. Erdogan akka jedhetti, loltoonni Turkiyaa naannawa Idlib keessa kan qubatan walii galtee kanaan dura Raashiyaa, Turkiyaa fi Suuriyaan walii mallatteessan irratti hundaayuun tahuu hime. Akka walii galtee kanaatti mootummaan Suuriyaa naannawa Idlib keessatti sochii duula waraanaa akka hin geggeessine kan dhoorku yoo tahu, dabalataanis raawwii walii galtee kanaa too’achuuf Turkiyaan buufatalee waraanaa 12 naannawa Idilib keessatti akka dhaabduu hayyamamee kan ture tahuu ibsame.

Haata’u malee mootummaan Suuriyaa walii galticha cabsuun ji’a lama dura naannicha keessatti haleellaa kan jalqabe yoo tahu, duula waraana mootummaa kana hordofuun lammiileen biyyattii 700,000 ol tahan, gara daangaa Turkiyaatti kan baqatan tahuu gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii irraa bahe ni addeessa.

Leave a Comment

View Comments

Recent Posts

  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii saffisaan dabalaa jira

Masri namni Dhibee Vayirasii Koroonaa (COVID-19)’n qabame biyya isii keessatti argamuu, February 13/2020 gabaasuun biyya…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Aanaa Dirree Salaatni Juma’aa fi Jama’aa masjidaatti akka hin geggeeffamne Murteesse

Godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Meeggaatti hoggantoonni majlisa aanichaa fi Koreen masjidoota guyyaa har’aa marii…

2 days ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii dhimma Hajjii baranaa irratti murtii irra waan hin gahiniif muslimoonni obsaan akka eeggatan gaafate

Utubaa Islaamaa shanan jidduu Hajjii raawwatuun tokko yoo tahu, nama Muslimaa hajjuu dandahu hunda irratti…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Naannoo Oromiyaa Masjidoonni akka cufaman ajaje

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa(Majlisni), tatamsaa'a dhibee Koroonaa Vaayiras to’achuuf Salaatni Jum'aa fi Jam'aa…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Filannoon biyyooleessa Itoophiyaa dabarfame

Boordiin filannoo biyyoolessa Itoophiyaa ibsa guyyaa har’aa kanneen, sababa weerara dhibee Koroonaa-Vaayirasiin walqabatee rakkoowwan dhufan…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiin Koroonaa irratti argame 21 gahuu ibsame

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr.Liiyaa Taaddasa akka ibsitetti, guyyaa kaleessaa fi har’aa qorannoo shakkamtoota irratti godhameen…

5 days ago