header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannooUSA

Turkiyaan waraanni Ameerikaa magaalaa Maanbiij keessaa akka bayu akeekachiiste.

Angaawoonni Turkiyaa fi Ameerikaa Arba’aa kaleessaa duula Turkiyaan Suuriyaa keessatti jalqabde ilaalchisee bilbilaan mari’ataniiru. Ministeerri haajaa alaa Turkiyaa marii hooggantoota lamaanii ilaalchisee ibsa Khamiisa hardhaa kenneen, Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, Ameerikaan deeggarsa riphxee loltoota Kurdiitiif gootu akka dhaabdu akeekkachiisuun, loltoota isii Suuriyaa magaalaa Maanbiij keessa qubachiifte akka baaftu Traampiif kan hime tahuu beeksise.

Akka ibsa ministeerichaatti, Traamp gama isaatiin Turkiyaan sochii biyyoota lamaan walitti buusu irraa akka of qusattu kan gaafate akka ta’eefi mootummaan Turkiyaa ammoo Ameerikaan deeggarsa hidhannoo fi leenjii riphxee loltoota Kurdiitiif gootu yoo kan hindhaabne tahe, hariiroon biyyoota lamaanii daranuu kan boorayu tahuu beeksise.

Torbaan lama dura Ameerikaan Suuriyaa naannoo Afriin keessatti riphxee loltoota Kurdiitiif leenjii fi meeshaalee waraanaa eega kennitee booda, Turkiyaan ammoo torbaan dabre keessa finciltoota Suuriyaa waliin tahuudhaan riphxee loltoota Kurdi irratti duula bal’aa jalqabuu isii gabaasuun keenya ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button