Tuwaataraa (Bineensa Ija Sadihii)

Tuwaataraa, Bineensa Ija Sadihii

Bineensi kun Tuatara jedhama. Tuataran sanyii lootuu biyya Niiwziilaand keessatti qofa argamuudha. Ardii Niiwziilaand irra dur hantuutni hin waan hin jirreef, Tuataran nagayaan jiraataa ture. Garuu gaafa koloneeffattoonni hantuuta gara biyyattii  galchanii booda lakkoofsi isaa daran xiqqaachuu jalqabe. Diinni bineensa kanaa hamaan hantuuta. garuu Hantuunni uumama kana hin sooratu. Duuba akkamitti diina hamaa ta’uu danda’e ree? Jettanii gaafachuun keessan hin oolamu. In shaa ALLAH boodarra itti dhufna.

Dheerinni Tuatara Haala Sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni gabaabaan seentimeetira 45 kan dheeratu yoo ta’u, dheeraan ammoo haga seentimeetira 60 dheerata. Ulfaatinni isaatis dheerinnummarratti hundaa’ee garagaarummaa qaba. Xiqqaan kilograama walakkaa, guddaan ammoo haga kilograama tokkoo ulfaata. Tuataraan kormaan dherinnaa fi ulfaatinnaanis dhaltuu ni caala. Tuataraa jechuun Afaan Niiwuziilaandiin Guttiyyee duyda gubbaa jechuudha. Bineensi kunis maqaa kana guttiyyee duyda gubbaa qaburraa argate.  Gogaan tuatara gama gubbaatiin jiru, wantoota akka guuttiyyee jiran kan rog sadee fakkaatan heddu ofirraa qaba. Guttiyyeen kun hedduminaan kormaa irratti argama.

Halluun gogaa Tuatara bifa daalachaa ykn magaala tahuu danda’a. Kunis naannoo jiraaturratti hundaa’a. ilkaan uumama kanaatis kan ajaa’ibaati. Ilkaan isaa kan gubbaa dachaadha. kana jechuun bakka ilkaan tokkoo ilkaan lamatu jira jechuudha. Gama jalaatiin ammoo uumamuma kaawwaniin wal fakkaata. wayta Afaan isaa walitti cufu, ilkaan isaa kan gama jalaa jiru, tarree lamaan gubbaatti argaman jidduu seena. Ilkaan isaa kun takka yoo cabe ykn buqqa’e deebi’ee hin biqilu. sababa kanaaf tuataran wayta dulloomaa deemuu, akkasumas wayta ilkaan isaa sababa garagaraatiin harca’uu jalqabu, soorata jijjiiratuun dirqama itti taha.  Lubbu qabeeyyii gogaan isaanii jajjabaatuu dhiisee, uumamaalee gogaa lallaafaa qaban sooratuu jalqaba.

Bineensi kun waan uumama biroo adda isa godhu ka birootis ni qaba.  Kunis ija sadaffaati. Ijji sadaffaan tun mataa isaa gubbaatti kan argamtu yoo taatu,  ilmoolee xixiqqoo irratti malee  warra gurguddaarratti hin mul’attu. Gaafa umriin isaa baatii jaha guuterraa jalqabee ijji sadaffaan tun gogaa qaamaatiin haguugamaa deemti. Dalagaan ija 3ffaa waa arguu osoo hin taane haala qilleensa toohachuudha. Bineensi kun ija 3ffaa tana fayyadamee aduu fii duumessa, roobaafi bubbee hamaa adda baafata. Tuatara wanti reepaayiloota hedduun wal isa fakkeessu eegee isaati. Eegeen isaa kun dheeraa yoo ta’u, yoo diinni eegee isaa qabee yoo irraa mure, yeroo muraasa booda deebisee biqilchuu danda’a.

Tuataran boolla keessa jiraata. Ilmooleen xixiqqoon guyya guyyaa olii gad deemuun soorata ofii kan barbaaddatan yoo ta’u, warri gurguddaa ammoo halkan halkan qofa sosocho’u. haaala kanaan warri gurguddaa guyya guyyaa boolla keessa oola. Warri xixiqqaa ammoo halkan halkan boollatti deebi’a.

Tuataran uumama cannibal jedhamuun beekkamu keessaa isa tokko. Cannibal jechuun uumama fakkaataa isaa deebisee nyaatu jechuudha. Haala kanaan tuataran yeroo tokko tokko tuatara biraa adamsee soorata jechuudha. Haa ta’u malee sooranni isaa kana qofaa miti. Walumaa galatti tuataran warra foon sooratan keessatti ramadama. Uumama akka beetle, crickets, daara baaftuu, raacha, lootuu, hanqaquu fi simbirroota garagaraa ni soorata. Akkuma durarratti dubbanne,  warri dulloome ilkaan qusachuuf jecha, wayta umriin dadhabaa deeman, bineensota kana dhiisuun raammoolee lallaaftuu lafa jalaa sooratuu jalqabu. Diinni isaanii hamaan ammoo hantuuta. Garuu hantuunni bineensa kana hin sooratu.  Dabalataan jeedalli, adurree fi sareenis uumama kana adamsanii sooratu.

Amma Sababaa Hantuunni diina hamaa bineensa kanaa taheef isinii hima. Wal hormaatarratti uumamni akka tuatara turu hin jiru. reeppitaayiloota keessaa tuataran hormaata irratti haalaan harkifataadha. Tuataraan walqunamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf yoo xiqqaate waggaa 15 guutuu qaba. Waggaa kudhanii shanii gaditti wal qunnamtii hormaataa hin raawwatu. Eega wal qunnamtiin raawwatameen boodas, dhalaan takka ji’a sagal turtee hanqaaquu buusti. Hubadhaa. Ji’a sagaliif rimaya osoo hin taane hanqaaquu garatti baadhattee turti jechuudha. Ji’a 9 boodas dubbiin fagoodha. Haadhoon takka baatii 12 – 15 hanqaatuu hammattee ilmoolee keessaa yaasti. Uumama dachii tanarra jiru keessaa hanqaaquun baatii 15 hammatamu ka Tuataraa malee hin jiru. Hadhoon gariin hanqaaquu 1 qofa baatii 9f garatti baadhattee baatii 15f hammattee ilmoo takka qofa keessaa baafti. Sunuu yoo hanqaaquun isii hantuuta jalaa nagaya baate qofa. Gariin warri hormaata gaarii qabu ammoo haga hanqaaquu 19 hanqaaquu dandeetti. Kanaaf hantuunni diina hamaa bineensa kanaa ta’e. bineensi kun yoo ilkaan isaa keessaa caccabee dhume hin yaaddawu. Yoo eegeen irraa cites hin cinqamu. Garuu hanqaaquun isaa jireenya isaatiif akkaan qaaliidha. Baatii 9 guutuu garaa keessa turtee, baatii 12- 15 hammatamtee hantuutaan nyaattamti. Kanaaf hantuunni diina hamaa Tuatara tahe. Rakkoon biraa ammoo dhaltuun takka eega hanqaaquu hanqaaqxee booda, irra deebitee lammata wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf waggaa 3 hanga afurii turuun dirqama. haalli kun sanyiin bineensa kanaa hedduun akka dhabamu godhee jira. Ilmoon haarawa dhalattes gaafuma hanqaaquu keessa baaterraa eegaltee kophaa ofii socho’uu jalqabdi.

Rabbiin waa hunda wal qixxeessee uumamaaf hin guutu. Hundas hin dhoorgatu. Kanaaf Tuatarafis kennaa guddaa badhaasee jira. Badhaasni guddaan Tuataraan badhaafame umrii dheeraadha. Bineensi kun yoo diinaan adamsamuu baate waggaa 100 ol jiraachuu danda’a.

 

 

Comments
Loading...