header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Saayinsiif Teknoolojii

Uber

Rakkina biyya teenya keeysatti akkaan beekamu keessaa tokko rakkina taaksiiti. Nama hedduu osoo taaksii eeguu sa’aan hojii jala dabra. barataa heddutu sababaa taaksii barumsarraa hafa. Biyyoota Guddatan keessatti tajaajila taaksii teknoolojiin deeggaramutu jira. Tajaajilli akkanaa heddu tahus, kan yeroo ammaatti haalaan beekamee namoonni heddu itti fayyadaman Uber jedhama.

 

Namni Uber fayyadamuu fedhu jalqaba Application Uber mobile isaa irratti install godha. Kana booda email isaatiin account banatee, credit card isaa application kana keessatti galmeessa. Kana booda yoo bakka tokko dhaquu barbaade. Application Uber banee bakka irraa ka’uufi bakka dhaquu fedhus itti kataba. Hoggasuma taaksii isatti dhihoo jiru yaadachiisni (notification) ergamaaf. Abbaan taaksii yaadachiisni dhufeef kunis tajaajila maamila isaatiif qophii tahuu isaa hayyama garsiisa. achi booda taaksii isaa kaasee gara bakka irraa yaamamee deema. Namichi taaksii yaamate telefoona isaa irraa bakka taaksiin gahe laaluu ni dandaha. Yoo hojii biroo irra jiraates, hoggaa taaksiin balbala isaa irra gahe yaadachiisni (notification) telefoona isaa irratti ergamaaf. Achi booda taaksii seenee bakka haajaa isaa yoo gahu, akkaawuntii isaa irraa kafaltiin taaksii ni murama. Waahee herreega taksii nama taaksii oofu wajji hin haasawu. Shofeertichi dalagaan isaa makiinaa oofee bakka namichi barbaaduun gahuu qofa.

 

Namoonni taaksii dhuunfaa qaban yoo tajaajila kanarratti hirmaachuu fedhan, kaampaanii Uber dhaqanii dursanii galmaayu. Wayta galmaayan kana eenyummaa isaaniitiifi teessoo isaanii, akkasumas hayyama hojii isaaniitiin galmaayan. Kanaafuu taaksii kana fayyadamuun nageenyaafis filatamaadha namoota hedduu biratti.

Uber

Yeroo ammaa kana Tajaajilli Taaksii Uber Biyyoota 75 fi Magaalota 500 ol keessatti dalagaa irra oolee jira. Biyyoota heddu keessatti Sababaa Uber namoonni taaksii dhuunfaa qaban hojii dhabanii rakkoo keessa seenanii jiru. Namni hundi Uber waan fayyadamuuf, namni taaksii dhuunfaa barbaadaa oolu hin jiru. Gaarommina Uber keessaa inni guddaan,

  • Taaksii Barbaacha karaa irra dhaabbataa ooluun hin jiru
  • Kafaltii Taarifaa olii nama hin kafalchiisu. Kafaltiin fageenya irratti hundaaya.
  • Yoo taaksii yaammatan, taaksichi eessa akka gaheefi karaa kamiin akka dhufutti jiru beekuun ni danda’ama.
  • Namoota heddu biratti nageenyaaf filatamaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button