header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ulaagaalee Nashiidaa

Seeraafii Heera Miidiyaa NuuralHudaa, Dhimma Nashiidaa irratti

Nashiidaan Artii Islaamaati. Artiin karaa dhaamsa ittiin dabarsan keeysaa karaa irra laafaafii nama heddu biratti fudhatama qabuudha. Kanaafuu artiin kun haala gaariin kunuunfamuu qaba. Sababaa Kanaaf Nutiis nashiidaalee Islaamaa kan gama keenya ergaman hunda, osoo hawaasa bal’aaf hin facaasin dura dursinee gulaaluun dirqama nurratti tahe. Munshidoonni gariin dogongoraan Jechoota dogongoraatiifii kan Qur’aanaafi hadiisa Faallessan fayyadaamu. Kanaaf nutiis nashiidaa gama keenya ergame hunda osoo hin maxxansin dursinee dhageeyfanna. Yoo dhaamsi walaloo nashiidaa keeysa jiru ulaagaalee asii gadii kana kan cabsu tahe. Nashiidaa san miidiyaa NuuralHudaa irratti hin maxxansinu. Hojii miidiyaa kanaan hawaasa keenya tajaajiluudhaaf, itti gaafatama ummanni nurra kaaye fudhannee hojjachutti jirra. Kanaafuu nashiidaalee jechoota dogongoraa qaban gulaallee toohachuun dirqama keenya. Seeraafii heerri Nashiidaa irratti xiyyeeffatu akka asii gadii kana.

1.Nashiidaan Nuuralhudaa irratti maxxaanfamu Qur’aanaafi Hadiisaan walitti bu’uu hin qabu. Fakkeenyaaf Jechoota Shirkii qaban, Hadiisa Da’iifa, Tafsiira Qur’aanaa hubannoo malee dogongoraan hiikamee fii wantoota akkanaa irraa qulqulluu tahuu qaba.

2. Garee siyaasaa kamuu faarsuufii arrabsuu irraa qulqulluu tahuu qaba. Walumaa galatti maqaan garee siyaasaa yoo nashiidicha keeysatti tuqame. Nashiidaan sun miidiyaa Nuuralhudaa irratti hin maxxanfamu

 

Ibsa Dabalataa: yeroon garee siyaasaa maqaan ibsuun dandahamu, fakkeenyaaf yoo gareen siyaasaa tokko Islaamummaa arrabse ykn Duula islaamummaa irratti banuu isaa qajeelaan labse. Yeroo san walaloo keeysatti maqaa garee sanii tuqanii hammeenya isaa himuun rakkoo hin qabu.

 

3. Firqaa ykn qoqqoodamiinsa uumuu irraa qulqullaayuu qaba. “Nuti ummata firqaa kanaati, warri firqaa kanaa ummata jallataadha. Isaan warra karaa irraa maqe Jechuu hin qabdu.”Yoo nashiidaan kee jechoota akkanaa qabaate miidiyaa NuuralHudaa irratti hin maxxanfamu.

 

Ibsa Dabalataa: Yeroo Ammaa biyya teenya keeysatti Ahbaash Islaamummaa irratti duula banee jira. Ahbaash dhaabbata maqaa amantiitiin garee siyaasaatiin jaarame akka taheefi, Islaamummaa irratti duula banuuf LUBNAAN irraa akka fidame beekamaadha. Akkasumas Ahbaashonni Islaamummarratti duula banuu isaani ifaan labsanii hojiis eegalanii jiru. sababaa isaanii lubbuun heddu galaafatamee namni kumaatamaan lakkawamu hidhamee hedduun biyyaa ari’amee jira. Kanaafuu maqaa Ahbaash dubbatanii hammeenya isii ibsuun rakkoo hin qabu. gama birootiin Aqiidaa Jallinaa kan Ahbaashonni deemtuun haala barbaachisaa taheen ummata barsiisuun barbaachisaadha.

Qeequufi Arrabsuun waan adda addaati. nama badii qabu badii isaatiin isa qeequun sirriidha. yoo dogongora isaa qeeqan sirraahuutu mala. yoo arrabsine garuu daran hammaachuu dandaha.

 

4. Nama arrabsuu irraa qulqulluu tahuu qaba. Fakkeenyaaf warra muuda deemu arrabsuu, warra Mawliida kabaju arrabsuu, kiristaanota arrabsuu… Walumaa galatti amantii fi Nama dhuunfaa kamuu arrabsuun dogongora guddaadha. Nashiidaan  jechoota arrabaa qabu miidiyaa Nuuralhudaa irratti hin maxxanfamu.

 

Ibsa Dabalataa: Nama Muuda deemuufii hordoftoota Amantaa biroo yoo gorsuun barbaachise, jechoota gaggarii fayyadamanii gorsuu barbaachisa.  Akkaataa sunnaa Rasuulaatiin (SAW) osoo nama hin arrabsin, suuta hikmaan gorsutu barbaachisa malee, nama arrabsuun faaydaa tokkollee hin qabu.

 

5. Jechoonni nashiidaa keeysa jiran Seera miidiyaa addunyaa kabajuu qabu. Nuti Nashiidaalee nutti ergaman, Social Media akka Facebook, YouTube, Whatsapp, Telegram fii Application NuuralHudaa irratti maxxansina. Miidiyaaleen Hawaasummaa kunniin hundi Seeraafii heera mataa isaanii qabu. Kanaafuu Seeraafi heera miidiyaalee hawaasummaa hundaatuu kabajuun dirqama. Yoo nuti seeraafii heera isaanii cabsinee waan isaan hin hayyamne maxxansine. Chaanaaliifii peejii keenya nurratti cufu.Seeraafii Heera Miidiyaalee Hawaasummaa (Social Media) keeysaa kan Youtube yoo laaluu feete liinkii kanarraa dubbisi. https://goo.gl/wzJApn
Kan Facebook ammoo link kana https://goo.gl/15HbTh
Seeraafii Heerri isaanii akkaan dheeraa waan taheef, hunda isaa gama afaan Oromoo hiiknee asirratti katabuun hin danda’amu.

6. Meeshaa Muuziqaa irraa qulqulluu tahuu qaba. Meeshaan Muuziqaa Islaamummaa Keeysatti dhoorgaa tahuu amanna. kanaafuu nashiidaa meeshaa muuziqaa qabu miidiyaa NuuralHudaa irratti hin maxxansinu.

7. Qulqullinni Sagaleetis woyyaawaa tahuu qaba. Nashiidaan tokko miidiyaa NuuralHudaa irratti maxxanfamuudhaaf ulaagaa sagalee asii gadii kana guutuu qaba.

  • Yoo haalaan xiqqaate mp3 56kbps Stereo/Mono. Yoo dandahame ammoo Mp3 128kbps -320kbps.  Akkasumas WAV yoo tahes bareeda.
  • Sagaleen Duubarraa wocu jiraachuu hin qabu
  • Mixing isaa haala gaariin mix godhamuu qaba. Namni nashiidaa gama keenya ergu hundi Istuudiyoo keeysatti waan hunda fixee gama keenya erguu qaba jechu.
  • Effect Kompiyuutaraa Autotune daangaa malee itti baayyatee sagalee munshidichaa dhoysuu hin qabu

8. Nashiidaa Miidiyaa biroo irratti hin maxxanfamin tahuu qaba. Nashiidaa miidiyaa biroo irratti maxxanfame gama NuuralHudaatiin deebisnee hin maxxansinu.

9. Namni nashiidaa ergu Abbaa Nashiidaa hojjate ykn Munshidicha tahuu qaba. Nashiidaa Namni biroo erge Hayyama Munshidichaa malee hin maxxansinu.

 

Dhaamsa Goolabbii: Yeroo garii nashiidaan wayta nutti ergamu osoo hin maxxanfamin turuu dandaha. Nashiidaa hunda kutaa qindoomina sagantaaleetu gulaala. kutaan qindoomina sagantaalee hanga beekumsa isaatiin eega gulaalee booda, waan beekumsa isaatii ol tahe ammoo Ulamaa’iif dhiheeysee, murtii ulamaa’ii booda akka maxxanfamu godha. sababaa kanaaf nashiidaan yeroo garii osoo hin maxxanfamin turuu dandaha. Dhaggeeyfattoonni keenya dalagaa qulqullina qabu nurraa barbaadu. Kanaf jecha seera kana kabajuun nurratti dirqama.

 

Kutaa Qindoomina Sagantaalee NuuralHudaatiifi Bulchiinsa Walii Galaa irraa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button