header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Ulaagaan Towbaa maali?

“Towbadhaa” jechuu malee, akkamitti Towbanna? Ulaagaan Towbaa maali?

Gaafilee tanaaf deebisaan kunooti. Ulaagaan Towbaa akka armaan gadiiti..

1. Towbaa san qulqulleessi. Dhugatti gara Rabbii deebi’uu kee mul’isi. Wanni badii san irraa deebiteef Rabbi waan sodaatteef akkasuma abdatteef tahuu qaba. Guddina Rabbii hubachuu kee mirkaneessita. Nama sodaaf ykn badiin tee saaxilamuu sodaaf as deebi’uu dhabuu kee ibsita.

2. Badii raawwataa jirtu ni dhiista. Dogongora san cittee irraa hafuu qabda.

3. Badii sanitti akka hin deebineef baallama dhugaa seenta. Akkaataan itti baallama seentu, badii san tuffatta. Kaayyoo guddoo uumamteef hubatta.

4. Badii raawwataa turteef ammoo sheenawi. Hammeenya isiin qabdu yayyaaddadhuu gaaroommina Towbaafi Iimaanaa kanaan wal cinatti madaali.

5. Haqa namaa yoo taate ammoo firraa deebisi. Haqa namaa osoo hin galchin Towbaan hin qulqulloytu.
Obboleeyyan hulaan Towbaa banaadha. Osoo aduun dhihaan hin bahin, osoo lubbuun bahuuf kokkee irra hin gahin Towbadhaa. Towbaa jechaan gama Rabbii deebi’uudha. Wanni Towbannuuf jaalala Rabbii arkannee, dallansuu isaa jalaa nagaya bahuufi. Qananiin addunyaa fi aakhiraa gama Rabbii deebi’uun arkamti.

Ilmi namaa laafaadha! Mirqaana xiqqaatu isaan kuta. Laaftumatti Sheyxaanni hillima qopheesseef keessa buusa. Rabbiin kana waan beekuuf hulaa Towbaa banaa godhe. Osoo Sakraanni du’aa itti hin dhufin nama Towbate irraa Rabbiin ni jaalata. Silas Rabbiin gabricha isatti harka kennate akkamitti gata! Fudhatee Rahmata isaa keessa cuupha. Yaa Rabbi du’aan dura warra dhugaan Towbatee, atilleen irraa qeebalte irraa nu taasisi.

 

5 Comments

  1. Hojjettoota NuuralHudda fi Hordoftoota Nuuralhudda harka funne obbolleeyyan koo akkam jirtan? an maamilaa keessan tahun barbaadda na sii matuu?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button