header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’onni godina Baalee aanaa 20 irraa walitti dhufuun murtii ulamaa’onni Harargee Bahaa dabarsan deeggaran.

Ulamaa’onni aanaawwan Baalee irraa walitti dhufan kunniin Masjida seena-qabeessa (Masjida-Nuur) kan magaalaa Roobee  keessatti argamuti wal gahuudhaan; jijjiirama amma biyya keessatti mul’aterratti hundaahuun ibsa ijjannoo qabxii 7 qabu baasanii jiru.

 

Ibsi Ulamaa’onni Godina Baalee baasan akka asii gadii kana.

 

  1. Jijjiirama Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fide kana waan qabnu hundaan ni deeggarra.
  2. Yaalii ajjeechaa guyyaa Sanbataa Dr. Abiy Ahmad irratti taasifame baayyee itti gaddinee jirra, Ammas ni balaaleffanna.
  3. Majliisa (Durriyyee) kan ummata Islaamaa irratti fe’ame duraanis nuti hin filanne, Ammas nurraa bakka hin bu’u, ni balaalleffanna.
  4. Hanga majliisni seeraan alaa kan qabeenya uummataa nyaatu kun nurraa bu’utti hajjii bara kanaa irraa eegallee hin hajjinu.
  5. Weerarri liyyuu Poolisiin naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa irraan aanaalee garagaraa keesaatti raawwattu hatattamatti akka dhaabbatuufii; qaamni waan kana raawwate seeratti akka nuuf dhiyaatu asumaan muummee ministeera biyyattii Dr Abiy Ahmadiif dhaamsa dabarsina.
  6. Deeggarsi ummata daangaa irraa buqqa’eef godhamu hanga rakkoon isaanii guututti furamuuf gadi fageenyaan akka itti fufu dhaamsa dhaammanna.
  7. Namoota amantaa dahoo godhachuun shira diinaatiif riqicha tahanis ni balaaleffanna. Namoonni akkanaa nurraa bakka hin bu’an.

 

Ulamaa’ota guyyaa har’aa wal gahii kanarrati hirmaatan keessaa:

 

 

  1. Sheikh Abdurrahmaan Aadam
  2. Sheikh M/Kaamil Abdallaah
  3. Sheikh M/Amiin Aadam
  4. Sheikh Waliyyii H/Alii Waadoo
  5. Sheikh M/Qaadii Sh Ahmad
  6. Sheikh Awwal Sadee
  7. Sheikh M/Khadar Daawud
  8. Sheikh M/Aliyyii Owsii
  9. Sheikh M/Amiin Aadam
  10. Sheikh Abdullaah Ibraahiim
  11. Sheikh Yaassiin Abdul Baasix
  12. Sheikh AbdulJabbaar Umar
  13. Sheikh Aadam Amaan
  14. Sheikh Abdu-Raafi’ Aliyyii
  15. Sheikh Jamaal Kubbaayyoo
  16. Sheikh M/Abbayyii
  17. Sheikh Haashim Amaan
  18. Sheikh Muhammad Muusaa
  19. Sheikh Muhammad Hasan
  20. Sheikh Jamaal Huseen
  21. Sheikh Huseen Zakariyyaa
  22. Sheikh Idiriis Khadiir
  23. Sheikh Abdussamad Sh Abdul Qaadir
  24. Sheikh Sa’ad Ismaa’il
  25. Sheikh Jeylaan Khadiir fii kanneen birootis irratti argamaniiru.

Ulamaa'ota Godina Baalee1

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button