header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’onni Godina Baalee aanaalee 20 irraa walitti dhufan haala yeroo irratti marii geggeessan

Ulamaa’onni baay’inni isaanii 100 ol tahan guyyaa har’aa August 25/2018 aanaalee godinichaa hunda irraa walitti dhufuun haala yeroo fi dhimma tokkummaa hawaasa muslimaa irratti marii kan geggeessan tahuun beekameera. Ulamaa’onni Waltajjii  geggeessa turan Dr Jeylaan Galataa, Sheikh Abdussalaam Xaahir, Sheikh Muhammad Rabbii fi Barsiisaa Yunivarsitii Madda Walaabuu kan tahan Sheikh Abdulwahhaab tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ulamaa’ota marii kana geggeessaa turan jidduu barsiisaa Yunivarsitii Madda Walaabuu kan tahan Sheikh AbdulWahhaab kan dubbisne yoo tahu kayyoon marii kanaa, “Tokkummaa fi jijjiirama amma argame kana tikfatuu fi akka itti fufu godhuuf Ulamaa’onni tokkummaa isaanii akka cimsatan waliif dhaamsa dabarsuuf”jedhan.

Akkasumas tokkummaa hawaasa muslimaa ilaalchisee ibsa ijjannoo kan baasan tahuus nuuf himan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button