header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’ota gurguddoo biyya keenyaa kanneen gara biyyaa deebi’uuf qophii irra jiran simaatuuf qophiin hoo’aan godhamaa jira

Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa sababa cunqursaa mootummaatiin biyya irraa dhiibamanii biyya ambaa keessa jiraataa turan, jijjiirama biyyattii keessatti muldhataa jiru hordofuun gara biyyaa deebi’uuf qophii isaanii xumuranii jiru. Haaluma kanaan ulamaa’onni Alhada dhufu gara biyyaatti ni deebi’an jedhamanii eegamaa jirann, Dr Jaabir Abdallah (Liwa’uul Islaam), Sheikh  Sa’id Ahmad Musxafaa fi Sheikh  Muhiddiin Hasan Shariif keessatti argamu.

 

Ulamaa’ota gurguddoo biyya keenyaa kanneen simachuuf qaamoliin hawaasa muslimaa gara garaa qophaayaa kan jiran yoo tahu, Majliisni magaalaa Finfinneetis  midiyaaleen mootummaa fi dhunfaa simannaa kana irratti argamuun akka gabaasan waamee jira. Sagantaa Simanna kana akka gabaasaniif midiyaalee yaamaman jidduu EBC,FBC, Walta, OMN, LTV keessatti argamu.

 

Majliisni Federaalaa fi Koreen haarawni dhiheenya kana muummichi ministeeraatiin dhimmoota hawaasa muslimaa akka qoratuuf hundeefamee fi miseensoonni Koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa  simannaa kana irratti ni argamu jedhame eegama.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button