header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

UN, Baqattoota Ityoophiyaa Kampii Kaakkummaatti argaman gara biyyaatti deebisuuf

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ejensiin baqattootaa (UNHCR) baqattoota Ityoophiyaa Keeniyaa kampii Kaakkuummaatti argaman fedhii isaaniitiin gara biyyaatti deebisuuf tahuu beeksise.

Itti aantuun hogganaa waajjira dhaabbatichaa dammee Keeniyaa, Walpurga Englbrecht baqattootni Itoophiyaa 10,000 oli tahan kampii Kaakkummaatti kan argaman tahuu fi isaan jidduu irra hedduun isaanii fedhiin gara biyyaatti akka deebifaman gaafatu ibsite

Jilli itti antuun hoggannaa dhaabbatichaa fi Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Obbo Meles Alamiin durfamu, gara Kampii baqattoota Kakkummaa deemuun baqattoota Ityoophiyaa waliin mari’achuu odeeyfannoon fula fesbuka Imbaasiichaa magaalaa Naayiroobiitti argamu irraa arganne ni mul’isa.

Marii bakka bu’oota baqattoota Ityoophiyaa Kampii Kakkummaatti aragamanii waliin geggeessaan kanaan, baqattootni gara biyyaatti deebi’u fedhii kan qaban tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button