header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

UNICEF gaaga’ama Itoophiyaa keessatti uumame ilaalchisee ibsa baase.

UNICEF Walitti bu'iinsa daangaa hordofuun gaaga'ama Itoophiyaa keessatti uumame ilaalchisee ibsa baase.

Waldhabbii daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee jiddutti muudate hordofuun, jireenyi namoota kuma 700 ta’an kan gaaga’ame akka tahee fi keessumaayyuu daa’immanii fi dubartoonni rakkoolee garaa garaatiif kan saaxilaman tahuu UNICEF beeksise.
UNICEF ibsa isaa kanaan daa’imman kuma 85 tahan barnoota isaanii addaan kutuuf dirqamuu isaanii beeksise.
Walitti bu’iinsa kanaan daa’imman kuma 14 ta’an maatiin gargar akka bahaniifi, daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadii 120,000 ta’an ammoo hanqina nyaataatiif saaxilamanii jiru jedhe.
Dubartoota ulfaa fi kanneen harma hoosisan walumatti 20,000 kan ta’aniifis gargaarsi midhaan nyaataa hatattamaan kan barbaachisu ta’uus ibseera.
Dhaabbatichi daa’imman sababa wal-dhabbee naannolee lamaaniitiin barnoota addaan kutan gara barumsa isaaniitti deebisuuf gargaarsi doolaara Ameerikaa miiliyoona 2 fi kuma 900 kan barbaachisu ta’uu ibsuun, Talaallii Qorichaa fi tajaajila fayyaatiifis dabalataan doolaara Miiliyoona 2 fi kuma 900 tu barbaachisaa jedhe.
UNICEF itti dabaludhaan, Daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadii, dubartoota ulfaatii fi haawwota hoosisaniif gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaan dhiheessuuf dabalataan Doolaarri Miiliyoona 2 fi kumni 600 kan barbaachisu ta’uu ibseera.

 

UNICEF Biyyattii keessatti malaammaltummaan kan dagaagee tahuu ibsuun, waggoota muraasaa as mormii hawaasaa jabaan biyyattii raasaa akka jiru beeksise. Ummanni biyyattii bilisummaa siyaasaa fi walqixxummaa diinagdee barbaadaa jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button