header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Qur’aanni maal nu barsiisa?-Ustaaz Jafar Bayaan

Qur’aanni irra caalaa gorsaati. Namni isa baratee barsiisus abbaa fedhe caala. Beekkumsa fedherra kan guyyaa qiyaamaa nama fayyadus Qur’aana. Kanaaf hoggaa hunda itti deebinee gorsa isaa kheeysa jirurrraa fayyadamuu qabna.

Rabbiin ol tahe akkana ja’a:

وَقُولُوا لِلنَّاسِ حُسْناً.

“Ilmaan namaatiin dubbii gaarii ja’aa”

Namni jiruu Isaa kheeysatti hamtuu fii toltuus ni arga, ni dhagayas. Waan isa gammachiisuu fii isa hin gammachiifnes ni arga. Qur’aanni haala san hunda keeysatti akkamitti akka nama wajjiin deemuu qabnu nu barsiisa.

Rabbiin Qur’aana keeysatti bakka heddutti dubbii gaarii namatti dubbachuu akka qabnu nu ajajee jira.

Fakkeenyaaf Rabbiin akkana nuun ja’a:

“Ž{ وَقُلْ لِعِبَادِي يَقُولُوا الَّتِي هِيَ أَحْسَنُ Ûš إِنَّ الشَّيْطَانَ يَنْزَØُ بَيْنَهُمْ Ûš إِنَّ الشَّيْطَانَ كَانَ لِلْإِنْسَانِ عَدُوًّا مُبِينًا}
“Ž (الإسراء: من الآية53)

“Ja’i Gabarran kiyyaan (warra amaneen) dubbadhaa (ja’aa) dubbii akkaan gaarii taate. Sheeyxaanni jidduu isaanitti badii dalaga (yoo dubbii gaarii dubbachuu baatan), Sheeyxaanni dhugumatti Ilmaan namaatiif adawwiidha.”
Al-Israa: 53

Rabbiin gaarii nu haa dubbisu.

Hamtuun sheeyxaana irraahi. Gaarii dubbachuutu Muslima fakkaata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button