header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaaz Abubakar Ahmad masjiida naannawa Burraayyuutti diigamee fi tarkaanfii waraana mootummaa balaaleffate.

Guyyaa lama dura  masjiidni magaalaa Burrayyuu naannawa Ashawaa Meedaa keessatti argamu, ajaja qondaaltota mootummaatiin kan diigameefi, Muslimoota Masjiida keessa turan irrattis waraanni mootummaa tarkaanfii seeraan alaa fudhatuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun walitti qabaan koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad gocha raawwatame kana balaleeffate.

 

Ustaaz Abubakar Ahmad barreeffama fuula Feesbuuka isaa irratti maxxanseen;

 

“Gochi raawwatame kun kan yaada biyyattiin daandii jijjiiramaa irratti argamti jedhu kan faallessuu fi abdii ummanni muslimaa mootummaa irraa qabu kan dukaneessuudha. heerri biyyattii hordoftootni amantaa kamiiyyuu iddoo amantaa isaanii itti geggeeffatan ijaraatuu kan hayyama kennu tahus,  hawaasni muslimaa   masjiida  ijaaratuuf aarsa lubbuu fi miidhaa qaamaa kafalaa jira. Komii hawaasni muslimaa kanaan dura dhiheessaa tureef hanga har’aatti deebisaan osoo hin keennamin ammas tarkanfii akkanaa kana fudhatuun, hojiin mootummaan “nageenyaa fi walii galtee”jechuun akka biyyaalessaatti jalqabe  ummata muslimaa kan bay’inaan walakkaa biyyaatti tahe kan hammatee miti.  Qamoonni ummata nagayaa irratti tarkaanfii humnaa fudhatan seeratti akka dhiyaatanii fi masjiidni diiggames hatattamaan akka bakka bufaamu, yoo kun tahuu dhabe rakkoon nageenyaa biyya keessa jiru kan hin tasgabboofne tahuu hubatuun, mootummaan tarkanfii hatattamaa isa irraa eegamu fudhatuu qaba.” jechuun balaaleffate.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button