Ustaaz Kaamil Shamsuu Affeerraa mootummaa Ameerikaatiin Washington DC seene

Gorsaa Seeraa Koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa fi miseensa koree haarawa muummicha Ministeeraatiin dhimma hawaasa muslimaa akka qoratu hundeeffamee  kan tahe Ustaaz Kaamil Shamsuu, kora mootummaa Ameerikaatiin qophaaye irratti hirmaatuuf har’a Washington DC seene. Kora kana irratti  biyyoota 28 irraa namoonni beekkamoon kan affeeraman yoo tahu, ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Ityoophiyaa irraa Ustaaz Kaamil Shamsuu kan affeere tahuun beekamee jira.

 

Ustaaz Kaamil sa’aa muraasa dura Washington DC kan seene yoo tahu, hawaasni Muslimaa biyya keenyaa naannawa DC jiraatu  buufata Xiyyaaraatti argamuun simannaa kan godhaniif tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

Comments
Loading...