Advertisements
Fayyaa

Waa’ee Coronavirus fi COVID-19  Lakk. 2

Dr. Nuredin Luke irraa

IV. Namni tokko vaayirasichaaf erga saaxilamee turtii yeroo hangamii booda mallattoo dhukkubaa muldhisuu eegala?

Namni tokko erga vaayirasichi qaama isaa seenee jiddu-galeessaan guyyaa 5faaf-6faatti mallattoo dhukkubaa agarsiisuu eegala. Haa ta’u malee namoonni tokko tokko turtii gababa guyyaa tokko booda mallattoon dhukkubichaa isaan eegaluu danda’a. Namoonni tokko tokko ammoo mallatoo dhukkubichaa otoo hin agarsiisin hanga guyyaa 14 turuu danda’u.

V. Haalli ykn Sadarkaan Dhukkuba VaayirasiiKoronaa (COVID-19) kun maal fakkaata?

Dhukkubni VaayirasiiKoronaa (COVID-19) kun dhukkuba salphaa irraa hanga dhukkuba hamaa/ulfaataa ta’e fiduu danda’a. Mallattoleen heddun isaas kan dhukkuboota sasalphaa akka Qufaa/Uttalloo/Qakkee/Hibibii irraa hanga Michii Sonbaa Sirna Hargansuu namaa haalaan dadhabsiisu/dhaabu gahuu danda’u.

Kanaaf namoonni hedduun kan %80 ta’an Dhukkuba salphaa ta’een (Mild & Moderate) yoo qabaman, isaan %20 ta’an ammoo dhukkubni kun itti hammachuu danda’a (Severe and Critical) ta’a jechuudha. Isaan dhukkubni salphaa (Mild & Moderate) ta’e qaban yaalaaf deeggarsa salphaadhaan ni dandamatu. Isaan dhukkubichi itti hammate ammoo (Severe and Critical) yaala ol’aanaa (hanga maashinidhaan harganuu) gessisuun dandamachuu ykn du’uu danda’u. Biyya keenya keessa meeshaleen woldhaansa jajjaboon akkasii heddumminaan waan hin argamneef worri (Severe fi Critical) isa ta’e qabaatan carraa gaarii qabaachuu dhabuu malu.

VI. Mallatooleen Dhukkuba VaayirasiiKoronaa (COVID-19) maal fa’adha?

– Hoo’a qaamaa (garmalee nama hoo’isuu).
– Qufaa (irra jireessaan qufaa gogaa yoo ta’u, namoootni tokko tokko ammoo aakee/aakkita qabaachuu malu).
– Dadhabii (garmalee nama dadhabsiisuu).
– Qillensi nama hanqachuufi garmalee nama hargansiisuu
– Kokkee/qoonqoo nama goggogsuu

– Darbee darbee ammoo bowwoo, maashaaleefi buuseewwan irratti dhukkubbiin jiraachuu, nama qorrisisuufi nama hollachiisuu, funyaan namaa akka waan ukkamamuu ta’uu, lollojjiifii baasaan darbee darbee muldhachuu danda’u.
* Mallatooleen kun hundi yeroo tokko muldhachu dhabuu danda’u. Isaan keessaa muraasni qofa nama irratti muldhachuu danda’u.

Eenyu fa’atu dhukkuba kanaaf saaxilamoodha? Haala kamiin nama irraa namatti darba? Of eeggannoo akkamii gochuu qabna? Haalli dhukkubichi adunyaa irra amma itti jiru maal fakkaata? Gaaffilee kanaafi KKF kutaa itti aanutti isiniif ibsa.

Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa argadhaa!

©Dr. Nuredin L.

 

Advertisements
Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close