header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waajjirri muummicha ministeeraa  marii Koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa fi Majliisa waliin geggeefame ilaalchisee ibsa baase

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa gaaffilee hawaasni muslimaa kaasaa ture ilaalchisee, koree furmaata barbaadduu Hawaasa fi Hooggantoota Majliisaa waliin marii eega geggeessee booda,  qabxiilee marichaa fi kallattii furmaataa kaayame ilaalchisee guyyaa hardhaa ibsa baasee jira.

 

Haaluma kanaan gaaffilee fi rakkoo hawaasa muslimaa bu’uura irraa furuudhaaf Koreen miseensota 9 qabu,  Koree furmaata barbaadduu Hawaasa Muslimaa irraa nama 3, hooggantoota Majliisaa irraa nama 3 fi akkasumas nama 3 immoo jaarsotaa fi hayyoota  garee lamaan irraa walaba tahan miseensa godhuun kan  hundeefame tahuu ibsi bahe ni ibsa.

 

 

Ibsa kana irratti Koreen hundeeffame kun rakkoo hawaasni muslimaa qabu qoratuun, kallattii furmaataa waliin akka dhiheessu, Akkasumas Majliisni haala  muslimoota hunda hammachuu danda’uu fi karaa iftoomina qabuun akkamitti ijaaramuu akka danda’u qoraannoo fi muuxannoo biyyoota biraa waliin akka dhiheessu itti gaafatamummaan kan itti kenname tahuu mul’isa. Hawaasni muslimaatis sochii nagaya buusuuf biyyattii keessatti jalqabame mirkanneessuuf gahee isa irraa eegamu akka bahuuf waamichi godhameera.

Koree haaraya1

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button