header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Waajjirri Prezdaantii Ameerikaa  qorannoo Prezdaanticha irratti jalqabame ilaalchiise ragaalee barbaadaman dabarsee kan hin kennine tahuu beeksise

Prezdaantichi dhimma filannoo Ameerikaa keessa akka seenu mootummaa Yukreen affeeree jira  himannaan jedhu eega dhihaatee booda, Kongirasiin prezdaant Donald Tramp irratti qorannoo yakkaa jalqabuun ni yaadatama. Prezdaant Traamp gama isaatiin haasawni bilbilaa Prezdaantii Yukreen waliin godhe seera qabeessa tahuu ibsuun, “Kongirasiin Paartii Dimokraatotaatiin hogganamu himannaa dharaatiin aangoo irraa na fonqolchuuf yaalaa jira”jechuun himannaa irratti baname haalaa jira.

 

Waajjirri Prezdaantii Ameerikaa  Waayit Haawus ibsa kaleessa galgala baaseen ammoo  “qorannoon Prezdaant Tramp irratti geggeeffamaa jiru seeraan alaa fi iftoomina kan hin qabne waan taheef, ragaalee waajjiricha irraa barbaadaman tokkollee garee qorattoota yakkaa kongirasichaan hogganamuuf dabarsee  hin kennu”jedhe. Haaluma wal fakkaatuun bulchiinsi Traamp Gamtaa Awrooppaatti Ambaasaddarri Ameerikaa dhimma kana keessaa harka qabu, koree qorattootaa durattii dhihaatee ragaa akka hin baane kan uggure tahuun beekamee jira.

 

Kongirasii Ameerikaatti koreen qorannoo yakkaa gama isaatiin, Bulchiinsi Traamp ragaalee qorannoof barbaachisan dhiheessuu yoo dide, yakki raawwatamuu kan mirkaneessuu waan taheef, kanuma irratti hundaayuun adeemsi Prezdaaticha aangoo irraa kaasuu kan itti fufu taha jedhe.

 

Kongirasiin Ameerikaa Prezdaant Traamp irratti qorannoo geggeessuuf kan murteesse, filannoo dhufu irratti kaadhimamaa Prezdaantii tahuun kan dhihaate  Joe Biden fi ilma isaa irratti, mootummaan Yukreen qorannoo akka geggeessu,  Prezdaant Traamp bilbilaan Prezdaantii Yukreen gaafachuu isaa miidiyaaleen biyyattii eega gabaasanii booda.  Akka gabaasa kanaatti, Donald Traamp July 25,2019 prezdaantii Yukreen Volodymyr Zelenskitti bilbiluun, sochii daldalaa ilmi Joe Biden biyyattii keessatti geggeessu irratti qorannoon akka godhamu gaafate. Dabalataanis Prezdaant Traamp mootummaa Yukreen irratti dhiibbaa godhuuf jecha, maallaqa deeggarsaa Kongirasiin Ameerikaa Yukreeniif hayyamee ture Dolaara miiliyoona 400 biyyattii irraa kan qabate tahuu ibsame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button