Waan Garaa Ilma Namaa Keeysatti Dalagamu

Dhugaa Uumamaa Kutaa 6ffaa

[fvplayer src="https://nuuralhudaa.com/wp-content/uploads/2018/02/Dhugaa-Uumamaa-Kutaa-6ffaa.mp4" width="1280" height="720"]

waan ilmi namaa hundi haala salphaan rakkoo takka malee raawwachuu danda’u keessaa inni tokko nyaata alanfatee liqimsuu dha.  Midhaan alanfatanii liqimsuun waan guyyaa hunda itti oollu waan teef, waan akkaan salphaa keessatti ramadama. Nyaata alanfanne gad liqimsuudhaaf ulaagaalee barbaachisan xiinxallinee beeynaa laata?,  Adeemsi kun haala kamiin akka raawwatu mee xiyyeeffannaan haa xiinxallinu. Akka hedduun keenya tilmaamnutti, Afaan ilma namaa qaawwa 2 qaba. Sunis. Afaan midhaan ittiin nyaannuufii, kokkee midhaan ittiin liqimsinu qofa. Garuu dubbiin san qofaa miti. Qaamni keenya kan mormaa ol jiru hundi walitti hidhata qaba. Ujummoon tokko, kan Afaan keenyaafii funyaan keenya wal qunnamsiisu ni jira. Boolli tokko ammoo kan afaan keenyaafii ujummoo qilleensaa wal qunnamsiisutu jira. Ka biroo ammoo kokkee midhaan ittiin liqimsinutu jira. Laagaa namaatiin duubatti qoonqoon xiqqoon rarraatu takka ni jirti. Faaydaa qoonqoo tanaa qalbistanii beeytuu? Namni heddu yoo qoonqoon dhukkubdu isii ofirraa mursiisa. Garuu faaydaan isii waan guddaadha. Yeroo nuti nyaata alanfannee liqimsinutti, Qoonqoon tun ol rarraatee ujummoo afaaniifi funyaan wal qunnamsiisu cufti. Yeroma kana sirni harkansuu keenyaa dhaabbata. Ujummoon qilleensaatis yeroma kana cufama. Adeemsi kun akkuma wanti nuti liqimsine sun ujummoo soorataa (Osoofagas) keessa seeneen bakka duraatitti deebi’a. Adeemsi ajaa’ibaa kun yoo raawwatamu, nuti xiyyeeffannaa guddaas itti hin kenninu. Humna guddaa waan nurraa hin barbaanneef, Waanuma akka salphaan raawwatamaa jiru nutti fakkaata.

 

Adeemsa Soorata Liqimsuu

Adeemsi waa liqimsuudhaa akka salphaatti waan raawwatamuu miti. Akkuma waan afaan kaayanne liqimsineen, dalagaa birootu nu eeggata. nyaata afaan keessatti haharca’ee hafe lammata liqimsuutu nurraa eeggama.  Keessattuu midhaan nuti soorachutti jirru waan bullaawaa yoo tahe, nyaata afaan keessa bittinnaawe kana walitti dachaasuun dalagaa guddaadha. Garuu waan Rabbiin guddaan nuuf laaffiseef waan guddaa nutti hin fakkaatu. Dalagaa tana raawwachuudhaaf xannachi gororaa, gorora maddisiisuudhaan soorata bibittinnaa’anii jiran sanniin walitti fida. Xannachi kun gorora haphii osoo hin taane, hancufa zayitaa fakkatu maddisiisuun soorata sanniin walitti maxxansee akka liqimsamuuf tolutti  mijeessa. Kana booda soorata laafaa gororaan jiidhe kana gara ujummoo nyaataatti dabarsuudha. Ammas  qoonqoon ol ka’uun ujummoo funyaanii cufa. Ujummoon qilleensaatis cufamee sooranni gara garaa liqimfama. Ilma namaa irraa waan tokko qofatu eeggama. Nyaata san liqimsuu jalqabuudha. Adeemsi achi boodaa cufti Dalagaa Rabbii guddaati. Qoonqoo cufuun, soorata gad dhiibuun, dalagaa fedhii keenyaan ala jiru. Yoo wanti kun dalagaa Rabbii hin taanee, eenyutu qoonqoon ol ka’uun ujummoon gara funyaanii deemuu akka cufamu taasise. Inni lammataa ammoo sirni hargansuudhaa yeroo liqimsinu san guutumaan guututti ni dhaabbata. Gochaa tana hoo eentu qindeesse?. Mee gaafii takka isin gaafadha. Soorata soorachutti jirtan eega liqimsitanii booda, waan achi keessatti raawwatamutti jiru quba qabduu? Abadan, hundumti keennayyuu, eega nyaannee liqimsinee booda, inumaa irraanfannee gara dalagaa biroo seenna.  Dalagaan fedhii keenyaan ala raawwatamaa jiru Yoo Rabbii ol aane tahe malee eentu raawwachuu danda’a? Yeroo liqimsinu kana ujummoon hargansuudhaa ni cufa. Osoo ujummoon kun cufamuu baatee sooranni ujummoo sankeessa seenee battalumatti namni sun du’uu danda’a. yeroo heddu namni sababaa kanaan fe’ama. Eenyutu xannacha gororaa arraba keenya jala kaahuudhaan soorata afaan keessatti hafe akka walitti qabnee liqimsu nuu godhe. Arrabni yeroo biraa hancufa haphii maddisiisu, yeroo soorataa kana hancufa akka zayitaa furdatu san akka maddisiisuuf eenyutu isa barsiise? Walumaa galatti yeroo liqimsinu san adeemsi  sun beekumsa keenyaan alatti raawwatama. Sirni ajaa’ibaa kun haala saniin akka raawwatu kan godhe eenyu?

Adeemsi Ajaa’ibaa kun yoo Rabbii guddaan qindaawe malee, eenyuunuu qindaawuu hin danda’u. Eega dalagaa akkaan laaftuu kana Rabbi malee qaamni biraa raawwatuu hin dandeenyee, dalagaan biraa hoo akkamitti Rabbiin malee raawwatama jedhanii nu amansiisuu yaalu?

Dalagaa Seelii

Amma mee fakkeenya lammataa kan seeliin walqabatu haa ilaallu. Qorannooleen hedduun akka agarsiisanitti, biqiltoonni albuuda akkamii akka fudhatuu qaban ofuma isaaniitiin murteeffatan. Qaamni Godaara  Seelii (cell wall) jedhamu, dalagaa akkaan barbaachistuu taate tana akka hojjatu godhamee qophaahe. albuudonni biqiltuu saniif summaawaa ta’an akka hin seenne dhoorga. Fakkeenya kana namoota gara Istaadiyamii seenuudhaaf balbala dhiibaniin walfakkeessuu ni dandeenya. akkuma Namoonni gara Istaadiyamii seenuudhaaf balbala humnaan dhiiban sanitti, albuudonnii heddus gara biqilltuu sanii seenuudhaaf dhiibbaa taasisu. Garuu gara Biqiltuu sanii seenuudhaaf dirqamatti Tikkeettii argachuu qaban. Akka tasaa ta’ee albuudni tokko yoo gara biqiltuu sanii seene, biqiltuun sun du’uu ykn ammoo miidhamuu danda’a. Haala kanaan biqiltoonni hundi isaaniituu, albuuda isaaniif ta’u akka filachuu danda’an godhamanii uumaman. Filannoon albuudaa kun ammoo yeroo, bakkaa fi sadarkaa jiran irratti hundaa’uun jijjiirama. Amma Dalagaa seelii kanaa fi ilma namaa walbira qabnee ilaalla.

Nuti ilmaan namaa, uumama dachii tanarra jiran keessaa qaroodha. Beekumsa, qaruutummaa fi filannoo qabna. Garuu guyyatti wantoota akkamii hagam akka sooratuu qabnu hin beeknu. Waan kana beekuudhaaf dirqamatti beekumsa soorataa irratti Ispeeshaalistii ykn Doktora ta’uutu nurraa eeggama. Kana argachuufis waggoota hedduuf barachuu qabna. Gidaarri seelii garuu mana baruumsaa hin seenne, ta’us sooranni akkamii akka gara qaama biqiltuu sanii seenuu qabu sirritti beeka. Kanneen biqiltuu saniif faaydaa qaban dabarsee, kanneen miidhaa geessuu danda’an, akkasumas kan faaydaa takkallee hin qabne ofirraa deebisa. Amma gaafii walgaafatuun dirqama ta’a. Gidaara seelii kanatu gochaa kana raawwataa jiramoo, qaama biraa kan gochaa kana raawwataa jirutu jiraa? Deebisaa isinumaaf dhiisa.  Ammas fakkeenya biraa kan akka tafakkurtan isin godhu isiniif kenna.

Akkaataan ilmi namaa gaafa duraa garaa haadhaa keessatti itti uumamu xiyyeeffannaa guddaa barbaada. Walqunnamtii saalaatiin booda dhiira irraa sanyiin bahu seelii miiliyana 250 ol ta’a. Seelii hangana baay’atu keessaa Killeen haadhaa tokko qofa barbaaddi. Sanyiin dhiiraa miliyoonaan laakkawamu kunniin,  deemsa erga  jalqabaniin booda hedduun isaanii karaa Killeen qophoofte san wallaaluun karaa irratti dhuman. Gariin ammoo bakka wahiitti maxxananii karaa deemaniin dhabanii karatti hafu. Deemsa yeroo gabaabaa kanaa keessatti sanyii miiliyoona heddutu karatti hafa. Bu’aa ba’ii kana hunda booda kanneen kuma 300 ta’an Killee qophoofte bira gahan. Hundi isaaniituu Killee sanitti maxxananii seenuudhaaf dhiibbatu. Killeen hintalaatis, sanyii dhiiraa kuma 300 ol tahu kana keessaa, 1 qofa filattee ol seensisti. Tokkochi sun eega seeneen booda Killeen sun guutumaan guututti cufamti. Kana booda gara gadameessaa deemuun turtii ji’a sagaliitiin bood, ilma namaa bareedaa tahee dhalata.

Killee haadhaa tana,  eega sanyii dhiiraa 1 qofa fudhatteen booda akka of cuftu eentu barsiise?  Sanyii dhiiraa san hoo eenyutu deemii killee barbaadi jedhee itti hime?

Dalagaa akkanaa kana Rabbii tokkicha malee, dhuguma qaamni biraa hojjachuu danda’aa? Yoo dalagaa kana Rabbii miti jenne, eenyutu raawwate jennee ibsuu dandeenya.  Fakkeenyonni amma isiniif dhiheesse kunniin dalagaa haala salphaan namni tokko raawwatuu danda’uu miti. Haala kamiinuu uumamani kumuu dalagaa kana raawwachuu hin danda’u. Mee amma dalagaa hawaa kana keessatti raawwatamu cufa isaanii, fakkeenyota sadiin amma isiniif dhiheesse kanaan wal bira qabaatii ilaalaa. Qaamni sosochii ajaa’ibaa mudaa hin qabne kana qindeessee eenyu akka ta’e of gaafadhaa. Deebiin isin argattanis tokko qofa ta’a. Allaah (Subhaanahuu Wata’aalaa)

Comments
Loading...