header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Waan qalbii nama goggoysu

Nabi Muhammad((SAW)) akkana jedhan: “waa afur goggogina(qalbii) irraahi: ijji imimmaan irraa goguu, qalbiin goguun, hawwiin dheerachuufi duuniyaa irratti bololuudha.”jedhan.

Rakkoolee hawwii dheerachuu irraa nama muudatan jidduu; khayrii hojjachuu irraa nama hifachiisuu, tawbaa (gama Rabbii deebi’uu) irraa duubatti nama harkisuu, kajeellaa duuniyaa namatti baay’isuu, aakhiraa nama dagachiisuu, qalbii nama goggoysuudha!

Tasgabbii fi qulqullini qalbii kan argamuun ammoo du’a, qabrii, mindaa/kajeellaa, adabbii fi cimina hisaaba aakhiraa yaadachuudhaan.

Sahaabtichi guddaan Aliyyii Ibnu Abuu Xaalib (R.A) akkana jedhe: ‘irra guddaan waaniin an isiniif sodaadhuu fedhii hordofuufi hawwii dheerachuudha. Fedhii hordofuun haqa irraa nama deebisa. Hawwii dheerachuun immoo aakhiraa nama dagachiisa.’

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button