header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Waldaan Islaamummaa fi Misoomaa Ta’aawun hundeeffame

Waldaan Islaamummaa fi misoomaa ta’aawuun Alhada har’aa Caamsaa 29/09/2013 magaalaa Shashamanneetti hundeeffame. Waldaan kun kan hundeeffame beekamtii guutuu majlisa Oromiyaa irraa argachuun tahunis odeeyfannoon ni addeessa.

Waldaan Ta’aawun kaayyoo, galmaa fi duudha isaa bakka bu’oota Majlisa Oromiyaa, ulamaa’ii gurguddoo, Majlisa godina Arsii Lixaa, Majiisa Magaalaa Shashamannee, daa’iwwanii fi dargaggoota waamichi taasifameef beksisee jira.

Majliisa Oromiyaa irraa hoggansa boordii irraa Obbo Jibriil Usmaanii fi Barsiisa Badruu Mahammad akkasumas daayrektarri dayirektooreetii dargaggootaa Ustaaz Yaa’iquub Abdullaxiif sagantaa hundeeffame irratti argamuun haasaa godhanii jiru. Kessummoonni haasayaa isaanii keessatti “Gurmaa’inni kayyoo ijoo majlisa Oromiyaa waan ta’eef akkasumas ijaaramuu dhabuu keenyaaf hedduu akka midhamne, guddina, misoomaa fi nageenya amantaafis ta’e biyyaatiif shoora taphachuu qabnu galma osoo hin geessisiin hafnee jirra.” Jedhan.
Kanaaf waldaa kanaaf majlisni Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa hunda akka godhu waadaa seenanii jiru.

Dura buutoonni majlisota Arsii Lixaa fi kan magaalaa Shashamannees hirmaachuun ergaa gaggaarii dabarsanii jiru.

Dhuma irrattis namootaa fi dhaabbilee adda addaaf waraqaa galataa kennuun sagantaan milkiin goolabamuu odeeyfannoon arganne ni mullisa.

8 Comments

  1. مشﷲتبركل الحَمْدُ ِلله

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button