header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Wal dhabbii ABO shanee fi mootummaa jidduttii hammaachaa dhufe hiikuuf mariin araaraa geggeeffame

Marii araaraa Abbootii Gadaatiin qophaa’e kana irratti hoggantoonni mootummaa, hoggantoonni paartilee mormitu, hoggantoonni amantaa, aktiivistootaa fi hoggantoonni kutaa hawaasa gara-garaa irra dhufan hirmaatanii jiru.

Marii kana irratti ODP irraa Dr Alamuu Simee akkasumas gama ABO Shanee irraa Obbo Daawud Ibsaa argamun rakkoo isaan lamaan jidduu jiru dhiheessan. Akkasumas hirmaattota irraayis yaadni eega dhiyaate booda qaamonni lamaanuu rakkoo jidduu Isaanii jiru, karaa nagayaatiin hiikkatuuf walii galaanii jiru.

Mootummaa bakka bu’uun kan argame Obbo Alamuu Simee, “Mootummaan seera kabajsiisuuf malee qaama tokkollee miidhuu fedhii hin qabu, biyya tana qaamni hidhatee socho’uu qabu mootummaa qofa kanaaf yoo qaamonni hidhatanii iddoo adda addaatti socho’aa jiran yoo moonaa galanii taa’an, mootummaan wadaa isaa ni eega”jedhe.

Hogganaan ABO Shanee Obbo Daawud Ibsaatis gama isaatiin, “murtii Abbootiin gadaa dabarsan fudhannee jirra, mootummaan walii galtee jidduu keenya ture haa eeguu nutis waadaa keenya ni eegna, wanti jidduu keenyatti falmii kaasaa ture dhimma waraanaati, amma irraa dhimma Waraanaa immoo Abbootii Gadaaf dabarsinee kenninee jirra”jedhe.

Dhuma irrattis koreen dhiimma qamoota lamaan jidduu jiru hordofuun raawwachiisu, kan qaamota hawaasaa hunda irraa filatame guyyaa borii irraa hujii akka jalqabu murtaayuun wal gahichi xumuramee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button