header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Walgahiin Ariifachiisaa Hoggantoota biyyoota Gamtaa Afrikaa 11ffaan guyyaa har’aa jalqabame

Walgahiin guyyaa hardhaa magaalaa Finfinnee galma walgahii Gamtaa Afriikkaa keessatti jalqabame kun, xiiyyeefannoon marii hoggantootaa Gamtaan Afrikaa haala itti fooyya’uu fi maxxantummaa deeggarsa biyyoota dureeyyii jalaa baasuuf kallatti kaayuu irratti  tahuu gabaafame. Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad sirna baniinsa walgahii kanaa irratti haasaya godheen, Afrikaan waltajjii idil addunyaa irratti dorgomtuu tahuu fi dhageettii horachuuf, tokkummaadhaan sagalee dhageessisuu qabdi jedhe.

 

Dr Abiy Ityoophiyaan keessaa fi alattis jiijjirama bal’aa bu’uuraa fiduudhaaf hojjataa kan jirtu tahuu ibsuun, dirreen siyaasaa biyyattii keessatti banamee fi hariiroo biyyoota gaanfaa afrikaa waliin qabdu foyyaa’aa dhufuu akka fakkeenyaatti eere. Dabalataanis Ityoophiyaan lammiilee Afrikaa hundaaf Viizaa eega seenannii (On arrival Visa) kennuu jalqabuun isii, hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuudhaaf kutannoo qabdu mul’isa jechuun ibse.

 

Haaluma walfakkaatuun dura taa’aan Komishiinii Afrikaa Muusaa Faqii fi Dura taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa kan tahe Prezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee biyyoonni Afrikaa sagalee isaanii gamtaadhaan akka dhageessisaniif waamicha godhan. Kaagaameen haasaya isaa keessatti, “Gaanfaa Afrikaatti nagahaa fi tasgabbiin akka bu’uuf Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi Prezdaant Isaayyaas Afaworqii hojii fakkeenyummaa qabu hojjataniiru, akka gamtaa Afrikaatti sagaleen keenya tokko tahuun ammoo Eeritraa irraa qoqqobbiin akka ka’u godhee jira”jechuun hime.

 

Walgahiin hoggantoonni biyyoota 45 ol tahan irratti hirmaataa jiran kun guyyaa boruu kan xumuramu tahuu beekamee jira.

 

 

 

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button