header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Walgahiin ariifachiisaan hoggantoota Gamtaa Afrikaa murtii ijoo lama dabarsuun xumurame

Murtiiwwan ijoo walgahii  kanaan dabran jidduu, Gamtaa Afrikaa maxxantummaa biyyoota dureeyyii jalaa baasuudhaaf, biyyoonni miseensa gamticha baasii barbaachisu akka ramadanii fi kanneen hin ramadne irratti qoqqobbiin kan kaayamu tahuu murtaayee jira. Keessumattuu biyyoota ji’oottan jahan itti aanan keessatti baasii Gamtichaa isaan irraa eegamu walakkaa ol kaffaluu hin dandeenye, akeekkachiisa irraa jalqabee hanga miseensummaa keessaa haquutti kan deemu tahuun beekamee jira. Baasii gamtichaa kana hanga har’aatti Ityoophiyaa dabalatee biyyootni 11 qofti seeraan kan kaffalaa jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Murtiin ijoon kan biraa ammoo riifoormii komishinii gamtichaa yoo ta’u, yaadni riifoormichaa qorannoon irratti hundaa’ee akka raawwatamu hoggantoonni walgahii kanaan murteessaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button