header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti bu’iinsa Buraayyuu naannawa Ashawaa Meedaatti uumameen lubbuu namaa fi qabeenya irratti miidhaan dhaqqabe

Waliitti Bu’iinsa naannoo Burraayyuutti uumameen lubbun nama hedduu akka darbee fi namoonni heddu ammoo baqachuun magaalaa Finfinnee naannawa Askoo kan qubatan tahuun beekameera. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee namoota miidhamaniif koree deeggarsa qindeessu kan dhaabe tahuu beeksiise.

 

Itti aanan Kantiibaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa fi Aadde Daagimaawit Mogas Askoo mana barumsa Qaaleetti argamuun, namoota qe’ee isaanii irraa buqqifaman daaw’atanii jiru. Aadde Daagmaawit Mogas fuula feesbuukii isii irratti, rakkoo umaame furuuf sochiin godhamaa jiraachuu ibsuun,yeroodhaaf koreen bulchiinsi magaalattii ijaare nyaataa fi bishaan dhugaatii kan dhiheessaa jiru tahuu himte.

 

 

Sababaa walitti bu’iinsa kanaa ilaalchisee hanga ammaatti qaama mootummaa irraa wanti ibsame hin jiru. Haa ta’u malee kanaan dura dargaggoonni Saba Dorzee jiraattota naannichaa waliin kan walitti bu’aa turan akka tahee fi haleellaan ammaa kunis namoota Saba Dorzee fi Gaamoo tahan irratti kan xiyyeefate tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button