header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Walitti gaarrifannaan Ameerikaa fi Iraan jiddutti hammaataa dhufe baha jiddu galaa keessatti sodaa guddaa uumee jira

Bulchiinsi Traamp,  “Iraan buufataalee waraana Ameerikaa fi imbaasiiwwan  baha jiddu galaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuuf qophaayaa jirti”sababa jedhuun, humna waraanaa guddaa gara naannichaatti eega ergee boodaa, baha jiddu galaa keessatti sodaan hamaan kan uumame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Haleellaa buufata boba’aa Sa’uudii fi buufata doonii Emreets irratti Jalqaba torbee dabree dirooniin raawwatame, biyyoonni lamaan Iraan harka keessa qabdi jechuun yakkuun isaanii ammoo walitti gaarrifannaa naannichatti uumame daranuu hammeessee jira. Haaluma kanaan Malik Salmaan haleellaa kana ilaalchisee ijjannoo tokko irra gahuudhaaf, gamtaa biyyoota Arabaa wal gahii ariifachisaaf  May 30/2019tti magaalaa Makkah keesatti yaamee jira.

 

Gama birootiin ammoo Waajjira Malik Salmaanitti ministeerri dhimmota alaa Adiil Jubeeyri ibsa Alhada har’aa kenneen, “Sa’uudiin naannicha keessatti lolli akka hin uumamne ni caarraqxi, haa ta’u malee Iraan tarkaanfii waraanaa keessa yoo kan seentu tahe, Sa’uudiin ofirraa ittisuudhaaf dandeettii fi qophaahina gahaa qabdi”jedhe.

 

Sodaa lolaa naannichatti hammaataa dhufe hordofuun dhaabbilee fi biyyoonni tokko tokko lammiilee isaanii baha jiddu galaatti argaman akeekkachiisaa jiran. Haaluma kanaan Bahreeyin lammiileen isii gara Iraan fi Iraaq akka hin imalle, akkasumas kanneen kanaan dura biyyoota lamaan keessa jiranis hatattamaan gara biyyaatti akka deebi’an akeekkachiifte. Qondaaltonni waraana Israa’el gama isaaniitiin Ameerikaan Iraan yoo kan rukuttu tahe, Iraan ammoo Israa’el irratti haloo bahuu malti jechuun akeekkachiisan.

 

Bulchiinsi Dhaabbata Aviyeeshiinii Fedraala Ameerikaa ammoo Daandiiwwan Xiyyaarota biyyattii sochii baha jiddu galaa keessatti geggeessan ilaalchisee, of eeggannoo dabalataa  akka godhan yoo akeekkachiisu, dhaabbanni  Exxon Mobil  jedhamu ammoo hojjattota biyyoota alaa dirree oomishaa boba’aa Iraaq keessatti bobbaasee ture biyyattii baasee jira.

Gama birootiin ammoo, Ministeerri haajaa alaa Iraan Javaad Zaraif naannichatti lolli ka’uu mala soda jedhu haalee jira. Mr Zarif akka jedhetti, “Iraan gama isiitiin lola keessa seenuu fedhii tokkollee hin qabdu, biyyi Iraaniin rukuta jedhee abjuu hin taane keessa galus hin jiraatu”jedhe.

Baha Jiddu galaa1.jpg

4 Comments

  1. Rabbiin Lubbuu nagayaa bilaashitti darbuu, badiin malee adabamuu irraa najaa nu haa baasu Inshaa’Allaah

  2. Qophiin keessan Baay’ee gaariidha Alhamdulillaah Alhamdulillaah Alhamdulillaah kanuma Rabbiin TV NRH As baasee nu TV islaamaa baakkamaa akka ta’u jabaadhaa hojjedhaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button