header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Walitti gaarrifannaan Sa’uudii fi Iiraan jiddutti hammaataa dhufe baha jiddu galaa keessatti sodaa guddaa uumee jira

Mootummaan Sa’uudii haleellaa torbee dabre buufata boba’aa biyyattii irratti raawwatame ilaalchisee har’a ibsa kenneen, haleellaa sana Iiraan raawwachuu shakkii cimaa akka qabu ibsuun, qorannoo geggeeffamaa jiruun shakkiin kun ragaan yoo mirkanaahe Sa’uudiin tarkaanfii haloo bahuu kan fudhattu tahuu beeksise.

 

Masaraa Malik Salmaanitti itti gaafatamaan dhimmoota haajaa alaa Adiil Jubeeyri ibsa guyyaa hardhaa Riyaad keessatti kenneen, “Bu’aa qorannoo irratti hundaayuun nageenyaa fi tasgabbii biyya keennaa mirkaneessuuf jecha, tarkanfii cimaa tahe ni fudhanna”jedhe. Mr Adiil itti dabaluudhaanis, “haleellaan buufata boba’aa keenna irratti raawwatame gama Yaman irraa akka hin tahiniifi, inumaayyuu gama Kaabaa irraa tahuu shakkiin tokkollee hin jiru. Kun immoo qorannoodhaan mirkanaahutti jira”jechuun beeksise. Haata’u malee Sa’uudiin tarkaanfii akkamii akka fudhattu ifatti wanti beeksiste hin jiru.

 

Gama biraatiin ammoo Iiraan haleellaan isii irratti yaalamu kamiyyuu gara lola hamaatti kan guddatu tahuu akeekkachiiste. Ajaajaan Waraana Warraaqsa Iraan Huseen Salaamii Tehraan keessatti ibsa kenneen, “Biyyiti haleellaa xiqqaas tahu Iiraan irratti yaaluu barbaadu, lola hamaa gara biyya isiitti kan affeeraa jirtu tahuu hubachuu qabdi. Dachima isaanii keessatti kan isaan adabnu taha”jechuun akeekkachiise.

 

Odeeyfannoo wal qabateen Ameerikaan meeshaa waraanaa fi loltoota dabalataa gara Sa’uudii fi Emreets kan ergitu tahuu beeksiste. Qondaaltonni Waajjirri Ittisa Ameerikaa lama ibsa kennaniin, “Gaaffii Sa’uudii fi Emreets irraa nuuf dhihaate irratti hundaayuun, dandeetti humna qilleensaa fi misaa’ela biyyoota lamaanii cimsuuf meeshaa waraanaa erguuf qophii xumurree jirra. Dabalataanis Ameerikaan loltoota isii gara biyyoota lamaanii ni ergiti”jedhan.

 

Haaluma wal fakkaatuun biyyoonni Arabaa tokko tokko kophatti humna waraana isaanii kan qopheessaa jiran tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Haaluma kanaan Kuweeyti haleellaa dhaabbata boba’aa Sa’uudii irratti raawwatame hordofuun, waraanni biyyattii of eeggannoo ol’aanaa irra akka turu kan ajajje tahuu ibsite.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button