Waraanni Aagaazii  magaalaa Ukee keessatti nama ajjeese

Ajjeechaan magaaloota naannawa Naqamtee keessatti godhamuu itti fufeera. Guyyaa har’atis waraanni Makkalaakayaa magaalaa Ukkee keessatti nama tokko ajjeessuun namoota 2 madeessu odeeffannoon argame ni addeessa.

 

Namni guyyaa hardhaa ajjeefame dargagoo Lammaa Teshaalee kan jedhamu yoo tahu namoonni midhaman immoo Fiqruu Abdiisaa fi Habtaamu kan jedhaman tahuu beekameera.

 

Guyyaa kaleessa magaaluma Ukkee kanatti dargagoo Isaayyaas Fayyisaa fi Abdallaa Ibrahim jedhaman rasaasaan rukutamaniiru.

Comments
Loading...