header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Waraanni Israa’el Gaazaa keessatti ijoollee lama dabalatee Falasxiinota jaha ajjeesse

Lammiileen Falasxiin Gaazaa keessa jiraatan ji’oota shanan dabran,  dachii isaanii kan Israa’el humnaan irraa buqqiftetti mirga deebi’uu gaafachuun, akkasumas uggurri Israa’el waggaa 10 oliif Gaazaa irra keette  akka ka’uuf mormii geggeessaa jiraachuun isaanii ni beekama. Haaluma kanaan waraanni Israa’el Jum’aa kaleessaatis lammiilee Falasxiin daangaa Gaazaa irratti mormii geggeessaa turan irratti dhukaasuun, Falasxiinota jaha ajjeesuun 506 ammoo kan madeesse tahuu qondaaltonni Fayyaa Falasxiin beeksisan.

 

Dubbi himaan ministeera Fayyaa Falasxiin Ashraf al-Qidra akka ibsetti, namoonni ajjeefaman jahanuu biflee waraana Israa’eliitiin qomaa fi mataa irra rukutamaniiti. Walumaa galatti mormiin kun March 30/2018 eega jalqabamee asitti, waraanni Israa’el yoo xiqqaate Falasxiinota 180 ajjeesuun 18,000 ol ammoo madeessee jira.

 

Israa’eel bara 1948 dachii Falasxiinotaa eega weerartee hanga har’aatti, waggoota 70 dabran keessa Flasxiinota 750,000 dachii isaanii irraa humnaan buqqisuun Yahuudota qubachiisaa jirti.

Mormii Gazzaa2.jpg

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button