header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Waraanni Israa’el Lammilee Falisxiin Masjiid al- Aqsaa keessatti Salaataa turan irratti haleellaa raawwate

Waraanni Israa’el  Muslimoota salaata Jum’aa arraa Masjidal Aqsaa keessatti salaataa turan irratti haleellaa raawwachuun namoonni hedduun miidhamuu gabaafame.

Waldaan Baatii diimaa Falasxiin, haleellaa har’a raawwatame kanaan namoonni hedduun midhaamuu ibse. Haata’u malee lakkoofsi namoota miidhamanii hagam akka ta’e wanti beekkame hin jiru.

Falasxiinoonni Magaalaa Kabajamtuu Alquds keessa jiraatan lakkoofsaan hedduu tahan, guyyaa har’aa lolli guyyoota kudhaniif hidhatoota Hamaasii fi waraana Isra’eel jidduutti geeggeffamaa ture, olaantummaa hidhaattoota Hamaasiin golabamuu hordoofuun  Masjidal Aqsaatti walitti qabamanii gammachuu ibsaatuu turan.

Yeroo Falasxiinoonni Gammachuu Ibsaatuu turan
May 21,2021
Yeroo Falasxiinoonni Gammachuu Ibsaatuu turan
May 21,2021

Akkasumas naannawa Magaalaa Kabajamtuu Alquds keessa deemuun gammachuu  kana ibsachuuf yeroo socho’aa turaniitti, boombii  gaazaa imaammaanii fi boombii harkaa loltoota Israa’el irraa darbameen namoonni hedduun miidhamuu gabaafame.

Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu kun halkan kaleessaa haleellaa suukanneessaa Loltoonni Isra’eel guyyoota 11f magaalaa Gazzaa keessatti raawwataniin booda kan Jaarsummaa Masriin  hojii irra oolfame.

Haleellaa humna qilensa Waraana Israa’eliin May 10 irraa kaasee guyyoota 11’f magaalaa Gazzaa keessatti raawwatame kanaan,  daa’imman 65 fi dubbartoota 39  dabalatee Falisxiinoonni 232 ajjeefamuu odeeyfannoon ministeera fayyaa biyyattii irraa argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button