header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Waraanni Isra’eel Falasxiinota irratti dhukaasee namoota heddu madeesse

 

Lammiileen Falasxiin mormii torbaan afur dura jalqaban itti fufuun Jum’aa har’aatis daangaa Gaazaa irratti mormii geggeessaa oolan. Waraanni Isra’eel dargaggoonni daangaa ce’uuf yaalan sababa jedhuun mormitoota irratti dhukaasa banuun yoo diqqaate namoota 200 kan madeessan tahuu Rooyters gabaase.

Falasxiinonni mormii torbee afran dabran geggeessaa jiran kanaan, dachii isaanii kan Isra’eel bara 1948 irraa buqqiftetti mirga deebi’uutiif kan falmataa jiran tahuun ni beekkama. Mormiin kun hanga May 15 tti torbee lamaan dhufaniif kan itti fufu yoo tahu, May 15 guyyaa Isra’eel humnaan itti hundeeffamtee kan Falasxiinonni guyyaa gaaga’amaa “Naqba” jechuun waaman. Mormii hanaga hardhaa Irratti Falasxiinoonni 38 loltoota Isra’eeliin ajjeefamanii, namoonni 5000 ol immoo midhamanii jiru. Namoota ajjeefaman Keessaa Gazexissitoonni 2 fi daa’imman 5 kan keessatti argaman tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Isra’eel waggaa 70 kabajuuf kan qophaayaa jirtu akka tahee fi Ameerikaan Imbaasii isii guyyaa kana Telaviiv irraa gara Alqudsi jijjiiruuf qophii irra akka jirtus gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button