header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Liyyuu Poolisii Jum’aa har’aa weerara Aanaa Cinaaqsan keessatti raawwateen yoo xiqqaate lubbuu namoota 4 galaafate

Waraanni Liyyuu poolisii naannoo Somaalee ganama har’aa Aanaa Cinaaqasan Araddaa Turqaleeyyii weeraruun lola bananiin yoo xiqqaate namoonni 4 akka ajjeefamanii fi heddu ammoo kan madaayan tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Makkalaakayaan naannicha to’atee jiru  nageenya ummataa fi tasgabbii naannichaa keessatti buusuu akka hin danda’in, haleellan hamaan liyyuu poolisiin har’a isaan irratti raawwatte  ragaa tahuu jiraattonni aanaa Cinaaqsan beeksisan.

 

Dabalataanis guyyaa muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad  daangaa naannoolee lamaanii irratti waraanni Federaalaa akka jidduu seenee tasgabbeessu ajaje irraa jalqabee, weerarri liyyuu Poolisii akka hammaatee fi akkasumas liyyuu poolisiif deeggarsi Makkalaakayaa irra kan godhamuuf tahuu jiraattonni aanichaa himan.

 

Waraanni Raayyaa ittisa biyya aanaa keenya keessa jiru rakkoo uumuu malee furamata nuuf tahaa hin jiru, mootummaan maaliif nutti caaldhise jechuun iyyaataa jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button