header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa Magaalaa Jigjigaa too’ate

Waraanni makkalaakayaa ganama har’aa Paarlaamaa naannichaa fi dhaabbata televizhiinii naannoo Somaalee dabaltee dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa too’annaa jala kan oolche tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Wajjirri Prezdantii naannicha Obbo Abdi Muhammad Umaris kan marfame tahuu Activistoonni naannoo Somaalee ibsaa jiru. Prezdaantiin naannoo Somaalee Abidi Muhammad Umar naannichi biyyattii irraa fottoquu isaa labsuudhaaf qophaayaa jiraachuun isaa eega himamee booda waraanni makkalaakayaa kan jidduu seene tahuu gabaasaaleen arganne ni ibsu.

Liyyuu poolisiin naannoo somaalee gama isaatiin Baankii Oromia International dame Jigjigaa cabsuun saamaa kan jiru tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button