header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Weerarri Liyyuu Poolisii Naannoo Somaalee godinoota Oromiyaa daangaa naanichaatti argaman keessatti  hammaatee jira

Liyyuu poolisiin naannoo Somaalee Godinoota Harargee lamaanii, Baalee, Gujii fi Booranaa keessatti raawwatu hammeessee jira. Guyyaa hardhaa Godina Harargee Lixaa magaalaa mi’eessoo  irratti lola banameen poolisoota Oromiyaa lama dabalatee namoonni shan akka ajjeefamanii fi namoonni heddu ammoo kan madaayan tahuun beekameera.

 

Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaa Godina Harargee Bahaa magaalaa Gursuum keessatti waraana naannoo Somaaleetiin namoonni heddu kan ajjeefaman yoo tahu, isaan keessaa Xaahir Muhammad Hasan, Huseen Abdullaahii, Farhaan Abdii Aadam fi Alii Muhammad Umar sirni awwaalcha isaanii guyyaa har’aa geggeefamee jira.

 

Haaluma walfakkaatuun Godinoota Baalee, Gujii fi Booranaa keessatti weerara waraanni Naannoo Somaalee geggeessaa jiruun guyyoota sadan dabran keessatti qofa lubbuun namoota 100 ol kan dabre tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

liyyuu poolisii

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button