header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Weerarri Liyyuu Poolisii Naannoo Soomaleetiin geggeeffamu hammaatee itti fufee jira.

Waraanni Liyyuu Pooliissii Naannoo Soomalee Arradaalee Aanaa Cinaaqsaan jalaatti argaman seenuun weerara geggeessaa jiraatuu isiinii gabaasuun keenya ni yaadatama. Halkaan kaleessaa naannoo sa’aa 8:00 (2:00AM) waraanni Liyyuu poolisii naannoo Somaalee araddaa Koraley ganda Jirguun jedhamu keessatti manneen 200 akka gubee fi ummanni qe’ee lakkisuun kan baqate tahuu beekameera. Haaluma wal fakkaatuun araddaalee Cirilee, Ulaanulaa, Tiroo, Sandaree, Koraley kaaba keessatti lolli cimaan kan ture tahuu namni naannawa irraa bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Sabtii ganama immoo ummaanni magaalaa Cinaaqsaan bahuun mormii kan geggeessaa ture yoo tahu, poolisiin naannoo Oromiyaa fi Waraanni Makkalaakaayaa ummata irratti tarkanfii humnaa kan fudhate tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Weerara Waraanni Liyyuu poolisii kun guyyoota sadan kana keessatti geggeesseen namoonni Afur wareegamuun isaanii beekameera. waggaa darbe irraa kaasee sababuma weerara liyyuu poolisii kanaan lammiileen Oromoo hedduun ajjeefamu fi lammileen mIiliyoona tokko oli qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button