header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Weerarri Vaayirasii koroonaa biyyoota Afrikaa heddu keessatti hir’ataa jiraatuu ibsame

Dhaabbanni Ittisa dhibee Afrikaa (Africa-CDC) jedhamu akka gabaasetti, torbee dabre keessa Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota haarayatti vaayirasichaan qabamanii 20% hir’ate. Akka gabaasa dhaabbatichaatti biyyoota Afrikaa 54 jidduu 23 keessatti tamsa’ini vaayirasichaa torbaaan lamaa oliif hirdhataa dhufee jira.

Itti gaafatamaan Africa CDC John Nkegasong ibsa miidiyaaleef kenneen, “biyyoonni Afrikaa to’annoo vaayirasichaa irratti bu’aa amma argatan kana tiksuudhaaf ammas, tarkaanfiilee barbaachisan cimsanii itti fufuu qaban”jedhe. Gama biraatiin ammoo achuma Ardii Afrikaa keessatti biyyoota muraasa keessatti ammas weerarri vaayirasichaa haala yaaddeessaa keessa akka jiru ibsame.

Ardii Afrikaa keessatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1.2 ol vaayirasichaan qabamuu gabaafame jidduu 28,676 du’anii jiru. Namoonni 945,805 ammoo dhibee kana irraa fayyaniijiru.

Guutuu Addunyaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona 24 fi kuma 400 tti kan dhiyaate yoo tahu, hanga ammaatti namoonni 830,460 sababa dhibee kanaatiin du’uu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button