header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Weerarri Vaayirasii Koroonaa biyyoota heddu keessatti deebi’ee hammaatuu gabaafame

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihanom ibsa kenneen, weerarri Vaayirasii koroonaa haala amma duraa caalatti hamaa taheen addunyaa irratti gaaga’ama fiduu mala jechuun akeekkachiise. Dr.Teedroos akka jedhetti biyyoonni addunyaa weerara kana ittisuu irratti qindoomini godhaa jiran dadhabaa qofa osoo hin taane, kophaa isaanii socho’uu filatanii jiru; mootummoonni tokko tokko ammoo dhimmicha siyaasaaf itti fayyadamuu isaniitiin weerarri vaayirasichaa akka saffisaan babal’atu godhaa jiran jechuun qeeqe.

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 11,655,612 kan dabre yoo tahu, hanga ammaatti namoonni 538,565 sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame. Gama biraatiin ammoo lakkoofsi namoota dhibee kana irraa fayyaniitis 6,598,649 gahee jira.

Biyyoota Addunyaa yeroo ammaa weerarri vaayirasichaa keessatti hammaate jidduu Ameerikaa, Braaziil, Indiyaa, Raashiyaa fi Peeruun wal duraa duubaan sadarkaa 1-5 irratti argamu. Gama biraatiin ammoo biyyoota akka Faransaay, Porchugaal, Israa’el fi Falasxiin kanaan dura weerara vaayirasichaa too’atuu labsanii turan keessattis haarayatti deebi’ee babal’ataa jiraachuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button