header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Weerarri Vaayirasii koroonaa haarayatti deebi’ee saffisaan babal’ataa jiraatuu ibsame


Guutuu addunyaa keessatti lakkoofsi namoota dhibee koroonaatiin haarayattii qabamanii, deebi’ee haala yaaddessaa taheen dabalaa jira. Dhaabbatni fayyaa addunyaa akka jedhetti, lakkoosi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 65 kan dabre yoo tahu, namoonni miiliyoona 1.5 sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame.

WHO akka beeksisetti, torbee dabree keessa guyyatti namoonni 10,000 sababa vaayirasichaatiin du’aa akka jiranii fi walumaa galatti Ji’oota sadan dabran qofa namoonni 500,000 ol sababa COVID-19 du’uu beeksise.

Talaallii COVID-19 jalqabuuf biyyoonni heddu yeroo carraaqaa jiran kanatti, weerara vaayirasichaa debi’ee saffisaan lubbuu namaa galaafataa jiru kana ittisuuf, tarkaanfii to’annoo dhibee kanaa deebisanii cimsaa jiran.

Haaluma kanaan, mootummaan Xaaliyaan December 21-January 6/2021tti ayyaana bara haarayaa dabalatee sochii heddu kan ugguru tahuu beeksise.

Ameerikaa keessattis guyyaa kaleessaa qofa namoonni 2,800 sababa vaayirasichaatiin kan du’an yoo tahu, kutaalee biiyyattii heddu keessatti, hanqini siree waldhaansaa muudatuu gabaafame. Biyyattiin yeroo ammaa talaallii COVID-19 jalqabuuf sochii irra kan jirtu tahus, bulchiinsi Joe Biden haaraya filatame akkuma hojii jalqabeen haguuggaa fuulaa (mask) uffachuu dirqama kan godhu tahuu beeksise.

Biyyoota biroo tarkaanfii too’annoo vaayirasichaa deebisanii cimsuu beeksisan jidduu muraasni, Falasxiin, Briteen, Kooriyaa Kibbaa fi Iiraan keessatti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button