header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Xaaliyaan baqattoota seeraan ala biyyattii keessa jiraatan gara irraa dhufanitti deebisuuf qophii xumuruu beeksiste

Mootummaan Xaaliyaan baqattota kumaatamaan lakkaahaman kanneen seeraan ala gara biyyattii eega seenanii booda,  gaaffii kooluugaltummaa dhiyeessanii yeroo ammaa hayyama malee biyyattii keessa jiran hunda, hatattamaan gara biyya irraa dhufanitti kan deebisu tahuu beeksise.
Ministeerri haajaa alaa biyyattii Luigi Di Maio akka jedhetti “baqattoota yeroo ammaa seeraan ala Xaaliyaan keessa jiran hunda ji’a afur keessatti gara dhufanitti ni deebisna”jedhe. Haaluma kanaan mootummaan biyyattii baqattoota heddu gara biyyoota Kaaba Afrikaatti deebisuudhaaf kan qophaayaa jiru tahuu BBC’n gabaase.

Mootummaan Xaaliyaan akka jedhutti,  tarkaanfiin kun kana booda  baqattoota sababa quubsaa malee gara biyyatti seenan kan hin keessummeessine tahuu ergaa cimaa kan dabarsu tahuu ibse.
Baqattoonni lammiilee Afrikaa heddu  Liibiyaa fi biyyoota Kaaba Afrikaa biroo irraa ka’uun gaalaana Meditiraaniyaan eega ce’anii booda,  biyyitti jalqaba qubatan Xaaliyaan tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button