Categories: Awrooppaa Odeeyfannoo

Xaaliyaan baqattoota seeraan ala biyyattii keessa jiraatan gara irraa dhufanitti deebisuuf qophii xumuruu beeksiste

Advertisements

Mootummaan Xaaliyaan baqattota kumaatamaan lakkaahaman kanneen seeraan ala gara biyyattii eega seenanii booda,  gaaffii kooluugaltummaa dhiyeessanii yeroo ammaa hayyama malee biyyattii keessa jiran hunda, hatattamaan gara biyya irraa dhufanitti kan deebisu tahuu beeksise.
Ministeerri haajaa alaa biyyattii Luigi Di Maio akka jedhetti “baqattoota yeroo ammaa seeraan ala Xaaliyaan keessa jiran hunda ji’a afur keessatti gara dhufanitti ni deebisna” jedhe. Haaluma kanaan mootummaan biyyattii baqattoota heddu gara biyyoota Kaaba Afrikaatti deebisuudhaaf kan qophaayaa jiru tahuu BBC’n gabaase.

Mootummaan Xaaliyaan akka jedhutti,  tarkaanfiin kun kana booda  baqattoota sababa quubsaa malee gara biyyatti seenan kan hin keessummeessine tahuu ergaa cimaa kan dabarsu tahuu ibse.
Baqattoonni lammiilee Afrikaa heddu  Liibiyaa fi biyyoota Kaaba Afrikaa biroo irraa ka’uun gaalaana Meditiraaniyaan eega ce’anii booda,  biyyitti jalqaba qubatan Xaaliyaan tahuun ni beekama.

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Saa’uudii itti aanaa ministeera haajaa alaatiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…

2 hours ago
  • Og-Barruu
  • Seenaa

Luqmaan Al Hakiim, Akkamitti Hakiima Ta’e?

Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…

24 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Iluu Abbaa Boor keessatti muudateen lubbuun nama 11 dabru gabaafame

Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Komishiiniin Gamtaa Awrooppaa deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallatteeffame

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo malaamaltummaan shakkaamee hidhame

Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Paartileen Morkattootaa 10 waliin hojjachuuf Walii galtee mallatteessan

ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…

3 days ago