header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Xiinxalaa siyaasaa fi Daayrektaarri OMN Obbo Jawaar Mohaammad Finfinnee Seene

Jilli Jawaar Muhammadiin durfamu Ganama kana Finfinnee buufata Xayyaara Boolee yemmuu seenu qondaaltota mootummaa dabalatee namoonni heddu simatanii jiru. Jawaar Muhammad turtii biyya alaa waggoota 15 booda gara biyyaatti  deebi’e. Alhada har’aa waaree booda eebbi Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork galma barkumee keessatti ni raawwatama. Sagantaa kana irratti namoonni 25,000 ni hirmaatu jedhamee eeggama.

 

Obbo Jawaar gara biyyaatti galuu isaa ilaalchisee dhiheenya kana BBC’f  akka himetti, sagantaan galma barkumee namoonni kuma 25 irratti argamu jedhamee eeggamu irraatti ergaa gurguddaa lama dabarsina jedhe.
Obbo Jawaar akka jedhetti “Jalqabarratti qabsoo hanga yoonaatti godhame irratti warra wareegame yaadachuudhaafi, gama biraatiin ammoo dargaggeessa kana dimokiraasii ijaaruu irratti akka hirmaatu ergaa dabarsuufi” Jedhe

.
OMN cimsuun alatti, gaazexaa afaan adda addaatiin maxxanfamuu fi raadiyoo eegaluuf qophii irra jiraachuus himeera.

 

Simannaa Jawaar

 

 

 

3 Comments

  1. baga nagahan gaaltaan umrii dhirtu sini hawinaa inshallah waata alah nuhis gafa saa Aan nama nagahan gaalu nu hatasisu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button