header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yaali Fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa irratti godhameen prezdaantii naannichaa dabalatee qondaaltonni mootummaa ol’aanoon ajjeeffaman

Naannoo Amaaraa magaalaa Bahir Daar keessatti hidhattoonni itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa naannichaa Jeneraal Asaaminaw Tsiggeetiin qindaawan dhukaasa banuun qondaaltota mootummaa ol’aanoo ajjeessan. Kaleessaa galgala hidhattoonni waajjiraaleen mootummaa heddu too’annaa jala kan galfatan tahuu Odeeyfannoon ni addeessa.

 

Waajjira Muummicha ministeeraatti itti gaafatamaan Miidiyaa obbo Nigusuu Xilahuun Sabtii kaleessaa ibsa kenneen; yaaliin fonqolchaa mootummaa naannichaa irratti geggeefamuu ibsuun, raayyaan ittisa biyyaa hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajamee jira jedhe.

.

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad ammoo hogganaa humna waraana Ityoophiyaa Jeneraal Sa’ara Makonnin irratti haleellaan raawwatamuu beeksisee jira.

 

Dr.Abiy ibsa halkan Sabtii Televizhiina biyyoolessaa irratti kenneen akka jedhetti, haleellaan Finfinnee keessatti Jeneraal Sa’ara irratti raawwatame yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa waliin kan wal qabate tahuu eeruun,  Dabalataanis yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa irratti godhameen qondaaltonni mootummaa ajjeefamanii fi maadayaan kan jiran tahuu hime.

 

odeeffannoo boodarra baheen ammoo, Jeneraal Sa’ara Makonnin fi Presdaantiin Naannoo Amaraa Dr Ambaachaw Makonniin kan du’an tahuu mirkanaayeera. Obbo Laaqew Ayyaalew hogganaa yeroo naannoo Amaaraa Ta’uun muudamee jira. Jeneraal Sa’ara Makonnin fi Meejar Jeneraal Ga’aazii Abarraa wardiyoota isaaniitiin ajjeefamuun mirkanaayee jira.

Makonin1.jpg

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button