header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa keessatti geggeeffameen wal qabatee namoonni 180 ol qabamuu gabaafame

Hogganaan yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa keessatti geggeeffamee jeneraal Asaaminaw Tsiggee guyyaa kaleessaa humnoota tikaatiin ajjeefamuun ni yaadatama. Yaalii fonqolchaa kana hordofuun namoonni heddu too’annaa jala kan olfamaa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Hogganaan poolisii naannoo Amaaraa Obbo Abbare Addaamuu AP’f akka himatti,  qondaaltota naannichaa ol’aanoo 4 fi namoonni fonqolcha kana keessatti hirmaatuun shakkaman kanneen biroo 178 hidhamanii jiru jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun yaalii fonqolchaa kanaan wal qabatee Finfinnee fi naannawa isii keessatti namoonni heddu too’annaa jala kan oolfamaa jiran tahuun beekamee jira.

Gama birootiin ammoo yaalii fonqolchaa mootummaa fi ajjeechaa qondaaltota irratti raawwatame kana Ameerikaa fi Gamtaa Awrooppaa dabalatee biyyoonni heddu balaaleffataa jiran. Bulchiinsa Traamp keessatti itti aanaan itti gaaftamaa dhimma Afrikaa Tabor Nagy dhimmicha irratti ibsa kenneen, “Ameerikaan ajjeechaa fi yaalii fonqolchaa Ityoophiyaa keessatti raawwatame kana cimsitee ni balaaleffatti, yaaliin kun dandeettii hoggansa cimaa Dr. Abiyiitiin osoo fashalaayuu dhabaatee kana daran badii guddaa dhaqqabsiisuu mala”jedhe.  Itti dabaluudhaanis, Ameerikaan bulchiinsa Dr. Abiy Ahmad gama hundaan kan deeggartu tahuu beeksise.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button