header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Yaamicha bulchinsa magaalaa Finfinnee hordofuun Manni Marii Dhimmoota Islaamaa magaalattii deeggarsa Birrii 5,250,000 godhe

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa, ummanni barattoota manneen barnoota mootummaa magaalaa Finfinneetti barataniif deeggarsa akka godhu gaafatee ture. Kana hordofuun Manni Marii Dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee Birrii 5,250,000 hawaasa Muslimaa irraa walitti qabuun Dabtara 520,000 fi Qalama 10,000 bituun deeggarsa laate.Guyyaa har’aa Perizdaantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee Haaj Sulxaan Haaj Aman Dabtara fi Qalama kana, Kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaaf dabarsanii kennuun beekkame.

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button