header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Yaman keessatti makiinaa barattootaa irratti haleellaa raawwatameen namni heddu dhume.

Waraanni Sa’udii fi Emireetiin hoogganamu kan garee Huusii waliin Yaman keessatti wal waraanaa jiru, haleellaa guyyaa arraa makiinaa barattoota Qur’aanaa fe’ee deemu irratti raawwatameef qeeqamutti jira.

 

Hogganaa waajjira Fayyaa Yaman naannoo Sadaa kan tahe  Ghani Nayeb; haleellaa Kanaan yoo xiqqaate namni 43 ajjeefamuufi, namni 61 ammoo miidhaa hamaa miidhamuu Rooyitarsiif hime.

 

Itti gaafatamaa Waldaa Baatii Diimaa addunyaa damee Yaman kan tahe Johannew Bruwer; “Lakkofsi barattoota ajjeefamaniifi miidhamanii dabaluu mala. Ijoolleen haleellaan irratti raawwatame hundi waggaa 10 gadi”jechuun Twitter isaa irratti ibse.

 

Gabaasaaleen akka Mul’isanitti haleellaan kun guyyaa Khamisaa, gabaa magaalaa Dahyaan cinatti kan raawwatame yoo ta’u, magaalaan tun Kutaa bulchiinsa Saadaa kan harka Huusii jala jirtu keessatti argamti.

 

TV’n warra Huusii leellisu kan Al Maasiraah jedhamu, Konkolaataan haleellaan irratti raawwatame, ijoollee Qur’aana qara’uuf deemtu kan fe’e ta’uu beeksise. Haa ta’u malee maddoonni biraa dhimma kana qulqulleeffachuu fi mirkaneessuu hin dandeenye.

 

Gareen Sa’udii fi Emireetiin hoogganamu, karaa TV Sa’udii kan Al Arabiyaa jedhamuun akka ibsetti, haleellaa raawwachuu isaa amaneera. Garuu haleellaan raawwatame eddoowwan Huusiin Misaa’ela irraa dhukaasu qofa irratti kan xiyyeeffate ta’uu beeksise.

https://youtu.be/_TWAZpfhUOc

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button