header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yunivarsitiiwwan gara graa keessatti barattoonni sodaa nageenyaa kan qaban tahuu ibsan

Ajjeechaa sabtii dabre Naannoo Amaara Yunivarsitii Waldiyaa keessatti barattoota Oromoo lama irratti raawwatame hordofuun, Yunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaatti argaman gara garaatti, guyyaa kaleessaa irraa kaasee adeemsi baruu fi barsiisuu addaan cituu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma kanaan Yunivarsitii Wallagaatti guyyaa Alhadaa irraa jalqabee humni waraanaa lakkoofsaan hedduu tahe yunivarsiiticha keessatti qubsiifamuu hordofuun, barattoonni sodaa keessa jiraatuu fi barattoonni tokko tokko immoo gara maatii isaanii deemuu, akkasumas sababa godinichi komaandi poostii jalatti argamuuf hiriira nagayaa ba’uu akka hin dandeenye BBC’f himan.

Barsiisaan Yuunivarsitiichaatis, komii barattoonni kaasaniif deebiin Yunivarsitii irraa wanta hin kennaminiif sirni baruu fi barsiisuu addaan cituu hime.

Haluuma walfakkaatuun barattoonni Oromoo Yuunivarsitiiwwan naannoo Amaaraa gara garaa keessatti argamanis sodaa keessa jiraatuu nuuf himan.

Barataan Yuunivarsitii Baahir Daar irraa dubbisne tokko akka nuuf himetti, “eega Yuunivarsitii Waldiyaatti baratttooni Oromoo ajjeefamuu dhageenyee asitti, nutis ofii keenya sodaannee jirra”jedhe.

Magaalota godinaalee Oromiyaa gara garaattis barattoonni manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa baratan, guyyaa kaleessaa fi har’aa hiriira bahuun dhadannoo “ajjeechaan barattoota Oromoo irratti raawwatamu haa dhaabbatu”jedhu dhageessisan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button