header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yuunivarsitii Jimmaatti Bulchiinsi Mooraa Institiyuutii Teknolojii gaaffii barattoonni Muslimaa dhiheessaniif guyyaa sadii booda deebisaa kennuuf beellame

Barattoonni Muslimaa Yuunivarsitii Jimmaa Kaampaasii institiyuutii Teeknolojii torban dabre irraa kaase, gaaffiiwwan iddoon nyaata barattootaa akka sirreeffamu,  akkasumas ji’a Ramadaanaa nyaanni Suhuuraa akkuma Yuunivarsitoota biro keessatti  qophaa’utti  akka nuuf mijaa’u jechuun gaafatanii turan. Haatahu malee gaaffiin barattoota muslimaa kun deebisaa dhabuun,  barattoonni guyyoota shanan dabran mormii fi  lagannaa nyaataa kan geggeessaa turan  tahuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

 

Guyyaa hardhaa immoo Bulchiinsi Yunivarsitichaa abbootii Amantaa fi abbootii Gadaa waliin tahuun barattoota muslimaa waliin marii eega geggeessanii booda,  bulchiinsi Yunivarsiitii gaaffii barattootaa kana guyyaa sadi booda deebisaa keennuuf  kan waadaa  gale tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Haaluma kanaan barattoonnis yeroodhaaf lagannaa nyaataa jalqaban addaan kutuun, deebisaa bulchiinsaa  eeggatuuf kan walii galan tahuu barataan Yunivarsitiichaa bilbilaan dubbisne nuuf hime. Akkaatuma marii guyyaa hardhaa kanaan barattoonni hanga deebisaa argatanitti nyaata Ifxaaraa Yunivarsiticha irraa fayyadamuun, nyaata Suhuuraa immoo alaa fayyadamuuf kan walii galan tahuu barataan kun nuuf ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button