AfrikaaOdeeyfannoo
Suudaan Daangaa Ertiraa waliin qabdu guututti cufuu beeksifte
Suudaan daangaa gama bahaatiin Ertiraa waliin qabdu guututti cufuu beeksifte. Mootummaan Suudaan guyyoota muraasa dura naannoo Kasalaa jedhamu kan Ertiraa waliin waldaangessu keessatti labsii yeroo hatattama baase.
Bulchaan Naannoo Kasalaa January 5/2018 irraa jalqabee Keellaan Ertiraa irraa gara Suudaan seensisu hundi cufamuu kan labse tahuu ejensiin Odeeyfannoo Suudaan Sabtii har’aa gabaase. Sababaan Cufiinsa daangaa kun kan hin ibsamin yoo tahu, prezdaantiin Suudaan Umar Hasan Albashiir December 30/2017 irraa jalqabee, naannoolee biyyattii Kasalaa fi Kordofaan Kaabaa keessatti labsii yeroo hatattamaa baatii jahaaf turu labsuu isaa hordofuun murtii dhufe akka tahe gabaasni kun ni mul’isa.
Labsiin yeroo hatattamaa sun meeshaalee waraanaa seeraan alaa walitti qabuuf akka tahe qondaaltonni biyyattii beeksisan. Guyyoota lamaan dabran keessa loltoonni mootummaa Suudaan meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhatan gara magaalota daangaa Ertiraatti argamanii kan seenan tahuu jiraattonni Kasalaa AFP’f himan.
Haaluma walfakkaatuun torbaan dabre keessa Masriin loltoota heddu buufata waraanaa Emreets Eritraa, Saawwaatti argamu keessa kan qubachiifte tahuun beekameera.