Ityoophiyaan Imbaasii isiii Eertiratti bante

Ityoophiyaan waggaa diigdama booda Imbaasii isii magaalaa Asmaraa keessatti bante. Sirna baniinsa Imbaasii kana irratti muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi Prezdaant Isaayyaas Afaworqii dabalatee qondaaltonni ol’aanoon biyyoota lamaanii argamanii jiru. Walgaltee nageenyaa biyyoonni lamaan mallatteessan hordofuun, Eertiraan ji’a Adoolessa dabre Imbaasii isii Finfinnee argamu bakka Prezdant Isaayyaas Afaworqii argametti bante. Obbo Ridwaan Huseen Eertiratti Ambaasaaddara Ityoophiyaa tahuun muudamuun isaa ni yaadatama.
Muummichi ministeeraa daaw’annaa guyyaa lamaaf Eertiraa keessatti geggeesse kanaan, hoggantoota Eertiraa fi Somaaliyaa waliin dhimma biyyoota sadeenii irratti eega mari’atanii booda waliigaltee mallatteessanii jiru. Dr Abiy Ahmad sirna baniinsa imbaasicha booda har’aa gara Finfinneetti deebi’ee jira.