header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Da’awaa gara Godina Booranaa imalee ture sagantaa isaa milkiin xumuree deebi’e

Jilli Da’awaa Sheik Muhammad Raabiin durfamu sabtii darbe Roobee Baalee fi Shaashamannee irraa walitti dhufuudhaan, Godina Booranaa aanaalee adda addaa keessatti sagantaa da’awaa irratti hirmaachuuf gamasitti imaluun isaa niyaadatama. Jilli kun gandoota gara garaa keessatti sagantaa da’awaa erga gaggeessseen booda gara dhufattee deebi’ee jira.

Jilli da’awaa kun uummata Godina Booranaa kan Ergaan diinal islaam bira hin gahin eega daawwatee booda , hubannoo amantaa Islaamaa irratti gad fageenyaan barnoota kenneefii jira.

Jilli kun itti aansuudhaanis godinni Booranaatii fi naannoon isaa rakkina masjidaatiifii markaza barnoota amantii Islaamaa barsiisuu, aakkasumas ulamaa’otaa fi daa’iiwwan barnoota kana kennan baay’inaan waan hin qabneef rakkina cimaa hatattamaaan furmaata argatuu qabu ta’uu ibsan.
Magaalota Sagantaan Da’awaa irratti geggeeffame jidduu:
Magaalaa Yaaballoo
Magaalaa Meeggaa
Magaalaa Bulee Horaa fi
Ganda Dharriituu kan ramadaana darbe keessa namoonni 1000 ol gara amantaa dhaloota Isaanii Islamummatti deebi’aanii tahuunis beekameera.

Daa’iiwwan jila kana keessatti argaman jidduu:
Ustaaz Abdurrahamaan Huseen (Xaalibuu Ridallaah)
Ustaaz Muhammad Raabii Hasan
Ustaaz Ibsaa Sheik Hasan
Ustaaz Abdulwahhaab Jeylaan
Ustaaz Musxafaa Ahmad, keessatti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button