Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa addaan kutanii turan jalqabuuf tahuu gabaafame
Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa ji’aa 11 ol Qaxar keessatti gaggeessaa turan goolabuuf eega dhiyaatanii booda, Prezdaant Traamp “gareen Xaalibaan walii galteef murannoo hin qabu”jechuu isaa hordofuun, marichi ji’a dabre addaan cituun isaa ni yaadatama. Marii kana itti fufsiisuuf biyyoonni heddu carraaqaa kan turan yoo tahu, affeerraa mootummaa Paakistaaniitiin arba’a dabre qondaaltonni gama lamaanii Islamabad keessatti kan wal argan tahuu gabaafame.
Haaluma kanaan jilli qondaaltota Xaalibaan miseensa 12 qabu Doha irraa gara Islamabad imaluun, Afgaanistaanitti bakka bu’aa mootummaa Ameerikaa Zalmey Khalilzad fi qondaaltota Ameerikaa kanneen biroo waliin, marii addaan kutanii turan itti fufuuf haal dureewwan barbaachisan irratti kan mari’atan tahuu ibsame. Haata’u malee Ameerikaan qabxiilee haaraya kanaan dura ajandaa marii keessa hin turin dhiheessuu isiitiin, wal gahiin Islamabad kun bu’aa heddu kan hin fidin tahuu qondaalli ministeera haajaa alaa Paakistaan dhimmicha itti dhiheennaan hordofaa ture Anadolu Niwusitti hime.
Qondaalli mootummaa Paakistaan kun akka jedhetti, “gareen lamaanuu dhimmoota wal gahii jalqabaa Arba’aa dabre geggeessan irratti danqaa tahan ilaalchisee dhuunfaa isaaniitti eega mari’atanii booda, ammas guyyaa muraasa keessatti wal arguuf karoorfatanii jiru”jedhe.
Dhimmoota mootummaan Ameerikaa haaraya dhiheesse jidduu tokko, marii addaan cite itti fufuun duratti, gareen Xaalibaan guutumaan guututti dhukaasa akka dhaabu kan jedhu yoo tahu, dhimmi lammataa ammoo mootummaan Afgaanistaanis qaama walii galtee xumuraa tahuu qaba yaada jedhu tahuu odeeyfannon ni addeessa.
Haata’u malee qondaaltonni Xaalibaan marichi haaluma duraan ture irraa ittifufuu qaba, akkasumas raawwii wali galtichaa irrattis qondaaltota ol’aanoo Ameerikaa irraa kutannoo jiru dursinee beekuu barbaanna jechuun, haal duree Ameerikaan dhiheessite kan didan tahuun beekamee jira.